ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Afaan qawweetiin uummata meesha maleeyyii cafaqee humnaan bulchuu kan barbaadu murni nama nyaataa PP, umurii aangoo isaa dheereffachuu fi impaayera bututtuu suphuuf jecha, golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu itti fufee jira.
Aanaa Saasiggaa ganda Haroo Guddinaa jedhamu irraa Onkoloolessa 13, 2024 loltoonni bilxiginnaa guyyaa Dilbataa namoota mana amantaa keessa jiran waldaa amantaa Makaana Yesuusii fi mana amantaa Ortodoksii keessaa namoota hedduu ukkaamsanii leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, namoota hedduu gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Daanii Fiixaa,
- Alamuu Hambisaa,
- Baqqalaa Waaqkennee,
- Waaqgaarii Hirkoo,
- Imaanee,
- Daamaraa Bantii fi kanneen biroo hedduu ta’an qabanii ukkaamsuun dirqamaan leenjii waraanaatti geessuu fi maatiin isaanii dubbisuu dhaqnaan ari’anii galchanii jiraachuun ibsameera.


