ONM-ABO Sadaasa 11, 2024
Irree fi gaachanni sabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoota Bilxiginnaa ajaja Koloneel Abiy Ahimediin uummata nagaa dararuuf bobbaafaman baaruudaan macheessee rasaasaan waaduun du’aa fi madoon adabee meeshaalee hedduu dugda ishee irraa hiikee moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuu itti fufee jira.
Jajjabeen WBO Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana faashistii PP yeroo dheeraaf godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Sambarroo Rogichaa keessa qubachuun hawaasa hiraarsaa turte Sadaasa 10, 2024 ganama barii barraaqaan mooraatti itti marsuun rasaasaan waadee baaruudaan macheessuun loltoota 9 ajjeesee 22 madeessuun mooricha keessaa baqachiisee baaseera.
Akkasumas, gootichi sabaa waraanni bilisummaa Oromoo Cibraan Madda Walaabuu diina maqaa caasaa haaraa lafa qabsiisuu jedhuun konkolaataan imalaa turte haxxee itti hidhuun tarkaanfii irratti fudhateen konkolaataa ishee gachisiisee miillaan baqachiisee gara magaalaatti akka isheen deebitu godhee jira.
Ittuma fufuun Sadaasa 10, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Xareeta jedhamu keessattis jajjabeen Kibba Bahaa ilmaan Jaal Waaqoo Guutuu diina ilmaan Oromoo lafa irraa fixaa jirtu rasaasaan akaa’ee baaruudaan macheessuun samii fi dachee walii wallaalchisee loltoota 9 ajjeesuun 5 madeessee, AKM 1, boombii harkaa 2 fi qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikuun konkolaataa ishee dhabama taasisee gargar bittimsuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.










