ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Guyyaa dhufee darbuun akka baala mukaatti lubbuu ilmaan Oromoo harcaasaa kan ooltu tiksitoonni impaayerattii garaa isaanii qofaaf jooran ajaja dabaa koloneel Abiy Ahimediin itti kennamu milkeessuuf hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa uummata irratti raawwatan jabeessanii jiru.
Gocha isaanii fokkotaa kana itti fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti Amajjii 7, 2025 waraanni murnichaa kan naamusa waraanummaa hin qabne mana dhugaatii magaalichaa Hooteela Jiinenuus keessatti machaa’uun namoota nagaa irratti dhukaasa bananiin dargaggoo maqaan isaa Daawwit Haayiluu jedhamu rasaasa afuriin rukutuun ajjeessaniiru.
Dargaggoon kun bakki dhaloota isaa ganda Qaraaroo Guutaa yoo ta’u, sababa tokko malee rasaasa afuriin miilla mirgaa irra rukutuun hospitaalli magaalaa Mandii dadhabuun osoo hospitaala magaalaa Naqamteetti yaalii olaanaaf deemaa jiruu lubbuun isaa karaatti darbuu maddeen keenya naannichaa ONM’tti himaniiru.


