ONM-ABO Amajjii 21, 2025
Baroota dhufaa darbaa uummanni Oromoo siyaasa, dinagdee, hawaasummaa fi amantaan akka cabuuf mootoliin dhufaa darbaan sabicha quucarsaa har’a kan ga’an oggaa ta’u, kan sirna Bilxiginnaa ammoo keessattuu ija baasuun sabichi dachee Oromiyaa irraa akka dhabamuuf guyyuu dabni loltoota sirnichaan irratti raawwatu jabaatee jiraachuus dubbatu.
Bifuma kanaanis caasaa haarawaan shifticha Shimallis Abdiisaan dhiheenya kana qe’ee Oromootaa akka golgoleessaniif ijaaraman godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Illaammuu Malooleetti Amajjii 18, 2025 maqaa gibiraan saamicha raawwachuun ibsameera.
Hawaasni baadiyyaa onichaa bittaa fi gurgurtaaf gabaatti bobba’an wantoota gurguranii fi bitan cufatti gibira humnaan olii gaafatamaa turuun kan ibsamu yoo ta’u, namoonni homaa qarshii of harkaa hin qabnes milishotaan reebamuun akka hidhaman dabaluun eeraniiru.
Hawwasni onichaas kaffaltiin dirqiin irraa saamama jiru:
- Bittaa meeshaa waraanaaf qarshii 2000
- Deggarsa paartii badhaadhinaaf qarshii 500
- Inshuraansii fayyaaf qarshii 1710
- Gibira Lafaaf jedhamuun ammoo qarshii 3000-5000
dirqamaan waraana faashistii PP’n irraa guuraamaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.

