• Wed. Jan 14th, 2026

Kaashimiir bulchiinsa Hindiitti finciltootaa waliin wal dhabdee uumameen yoo xiqqaate namootni 6 du’an

Mar 30, 2025

ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025 

Kaashimiir bulchaa Hindii keessatti poolisoonni afur fi finciltoonni shakkaman lama kan ajjeefaman yoo ta’u, dhukaasa geggeeffameen poolisootni hedduu akka madaa’an taasiseera jedhan humnoonni nageenyaa.

Waldhabdeen kun Kamisa darbe naannoo falmisiisaa Katuwaa keessatti kan eegale yoo ta’u, hidhattota barbaadaa osoo jiranii tarkaanfii kun raawwachuu fi Jimaata galgala ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, poolisoota afur du’anii akka turan himaniiru.

Kaashimiir Muslimootni keessatti baay’atan argaman erga bara 1947tti walabummaa isaanii irraa kaasee morkattoota niwukilaraa Hindii fi Paakistan gidduutti qoodamtee kan turte yoo ta’u, lamaan isaanii iyyuu guutummaatti naannoon sun kiyya jechuun  himatu.

Hindiin yeroo hunda ollaan ishee finciltoota daangaa isaanii hin taane  Kaashimiir keessatti qaban humnoota Hindii irratti haleellaa akka banuuf dhiibuu isheetiif komatti.

Islaamaabaad himannaa kana kan haaltu yoo ta’u, qabsoo Kaashimiir hiree murteeffannaa qofa kan deggartuu jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading