• Wed. Mar 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti saamicha ulfaataa raawwachuu hammeessan

Apr 11, 2025

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bakkeewwan akka; Giraayii Sonkaa, So’ii, Abootee, Giraayii Biishaa fi kanneen biroo hedduu keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa wayita ammaa kana maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun haadha hiyyeessaa godoo keessa jiraattu malee homaa waan tokkollee hin qabne irraa gadi aanaan qarshii 3,000 fi kanneen biroo irraa ammoo hanga qarshii 20,000’tti dirqamaan saamaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko ONM’tti himanii jiru.

Kana malees, gandoota kanneen keessatti yerooma wal fakkaataa maqaa kaffaltii Inshuraansii Fayyaa jedhuunis hawaasa harka qalleeyyii irraa qarshii 2,000-3,000 afaan qawween doorsisuun guuraa kan jiran ta’uun dabalataan eeramee jira.

Aanicha guutummaa keessatti hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan kokkee wal qabaa jiraatu saamicha hamaa kanaaf jecha gara itti deebi’u dhabuun akka malee hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading