• Wed. Mar 25th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Bulan keessatti loltoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti saamicha raawwachuu akkaan cimsanii itti fufan 

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Aanaa Bulan ganda Goongootti torban darbe keessa ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed sababa tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Addisuu Tolasaa jalaa qarshii 900,000,
  2. Daanyoo Tasammaa jalaa qarshii 4,000 fi 
  3. Hundaasaa Galataa jalaa ammoo qarshii 340,000 saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, ganduma kana keessaa yerooma wal fakkataatti ilmaan Oromoo ammaaf maqaan isaanii adda hin baane namoota nagaa baay’inni isaanii 5 ol ta’e  ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu itti dabaluun eeranii jiru.

Ilmaan Oromoo ergamtoota sirnichaan saamichi irratti raawwatee fi ukkaamfamuun achi buuteen isaanii dhabame kunneen qaama siyaasa tokko keessatti kan hin hirmaanne yoo ta’an, waraanni faashistii PP gocha isaan hin qabneen yakkuun gochoota kanneen irratti raawwachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading