• Mon. May 4th, 2026

Gaaffin Mootummaa Suudaan Omar Hassan Ahmad al-Bashir angorraa fonqonchite gaaffii gatiin daabboo (Eeshi) maaf dabalaa kan jetturraa kaate – Qeerroo Bilisummaa Oromoo-QBO

May 13, 2025

Gaaffin Mootummaa Suudaan #Omar_Hassan Ahmad al-Bashir angorraa fonqonchite gaaffii gatiin daabboo (Eeshi) maaf dabalaa kan jetturraa kaate.
Hiriirri akka qoosatti jiraattota muraasan eegalame gaaffii walii gala ummata hundaa ta’e. Hojjetaan mootummaa, Konkolaachiftoonni, ogeeyyin adda addaa mi’aawuu jireenyaa gaaffii ijoo godhatanii hiriirichatti dabalaman.

🚩Deebin Al Bashiir garuu akkuma Abiyyi amma godhaa jiru kana loltuu itti ergee ummata gaafii qaala’iinsa jireenyaatiif fala barbaacha hiriira bahe ajjeesisuu ture. Booda garuu loltoonni isumattuu garagalanii aangoo waggaa kurnoota saditti siquuf ittiin waan fedhe raawwachaa ture harkaa fuudhanii fonqolchan.

Abiyyiif wanti amma adeemaa jiru kun copxoorratti fanxoodha. Biyyi duruu wal waraansan daakamtee sirni diigamee dabareedhan (Faraqaadhan) bulaa jirti.
kanarratti Sirna nama nyaataa inni loltootan of jalatti tiksaa jiru kanatti diddaan Oggeeyyii fayyaa kun hawaasa birootin dabaalamnaan hireen kaartum dhaqqabe finfinnee hin hanqatu.

☘️Gaaffin daabboo tun Gaaffii qulqullina Fayyaaf Barnootaa akkasuma lubbuu baraarachuu waan of keessaa qabduuf namni hunduu sarara ka’uumsa diddaa sana qabachuun waan ooluu miti.

UnityIsPower

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading