PPn Zoonii, Aanaa fi Gandaa irraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa isiniif kenna jettee muudamtoota ishee Awash Bishola walitti qabdee turte. Warra bakka anatti walitti qabaman keessa namni torba lubbuu isaanii darbuun gabaafameera. Akka maddi odeeffannoo keenyaa jedhutti, namoonni du’an hedduun isaanii kan rakkoo fayyaa qaban turan. Erga du’anii booda reeff isaanii maatiitti kennamee jira.
Leenjii kana irratti namoota 17,000 kan hirmaachaa turan yoo ta’an, namoonni 200tti dhihaatan ammoo leenjii keessaa baduun bakka sanaa miliquun gabaafameera. Maddi odeeffannoo keenyaa akka jedhutti, bakki leenjiin kun itti kennamu ho’a cimaa kan qaba, leenjichiif ulfaataa fi nyaati gahaa hin jirre dha. Leenjiin kun kan guyyaa 45f karoorfame yeroo ta’uu, sababa du’a namoota kanaaf jecha akka ji’a tokko keessattixumurame ibsame.Akka gabaasa Amnesty International bara 2017tti bakki Awash Bishola jedhamu kun bakka namoonni itti hidhamanii dararaamanii fi hojii humnaa dirqamaan itti hojjechiifamuun dhiittaa mirga dhala namaa itti gaggeessaa turuun ta’uu hima.
Haala kanaan, leenjiiwwan akkasii keessatti hirmaattonni rakkoo fayyaa, dhiibbaa qilleensaa hojii humnaa oliin miidhamni dhaqabe jedhu.
