• Wed. Jan 14th, 2026

Iraan haleellaa Israa’eliin saayintistii niwukilaraa kan biraan akka ajjeefame mirkaneessite

Jun 28, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025 

Iraan Jimaata saayintistii niwukilaraa kan biraa duula waraanaa dhiheenya kana biyyattii irratti geggeeffamaa tureen jalaa ajjeefamuu mirkaneessiteetti.

Akka dhaabbati oduu Tasnim jedhetti, Injinarri Saayinsii fi Teeknooloojii Yuuniversitii Iraan Soleyiman Soleyimanii, kutaa keemikaalaa injinariingii irraa eebbifame, haleellaa Israa’el irratti akka ajjeefame beeksiseera.

Tasnim Soleyimaniin “saayintistii biyya keenyaa kan haleellaa sirna Ziyoonistootaa keessatti ajjeefameedha” jedhe.

Mirkaneessi kun Israa’el ogeeyyii niwukilaraa 11 ajjeesuu ishee fi wiirtuuwwan qorannoo sagantaa niwukilaraa Teehiraan waliin hidhata qaban hedduu akka qaama hojii waraanaa guyyoota 12f tureetti rukutu hordofeeti.

Israa’elii fi Iraan gidduutti waldhabdeen guyyoota 12f uumame, Israa’el iddoowwan waraanaa, niwukilaraa fi siiviilii Iraan irratti haleellaa qilleensaa erga jalqabdee booda yoo xiqqaate namoota 606 ajjeesee 5,332 madeesse jedha ministeerri fayyaa Iraan jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading