Mallattoowwan itita siyaasaa fi jaarmiyaa Oromoo yeroo mul’atan hunda, Abiy Ahmad kan Oromiyaa keessaa fi alatti qoqqooduuf ajandaa badisaa wal jalaa duubaan uumaa as gahe. Abiy Ahmad balaa dhabamaa kan mooraan Oromoo tarkaanfataa fi ititaa ta’e isatti fidu waan hubatuuf, yeroo hunda duula jeequumsa adda addaa walirraa hin cinne oomishuudhaan of bayyanachisuuf yaalii gochaa tureera.
Bara 2019/20 irraa eegalee, WBOn humna jabaa ijaaruuf jecha saffisaan deebi’ee ijaaramuu fi gurmaa’uu yeroo adeemsisaa turetti, “Shanee” mootummaadhaan ijaaramee deeggaramu lammiilee nagaa Amaaraa irratti xiyeeffate bobbaasuun jeequmsa hamaa miidhaa guddaa dhaqqabsiise raawwachuudhaan deebii kennuun ni yaadatama. Kunis boodarra waraana Tigraay jalqabuuf akka ka’umsaatti sirnicha tajaajilee ture.
Yaaliin dhiyeenyaa, walbira dhaabbannaa ykn walhubannaa siyaasaa taasifame gufachiisuuf godhame walitti bu’insa ummaattoota jidduutti uumuu, kan kanaan dura baratameen walfakkaatu yoo tahu, taateewwan ajjeechaa namoota amantaa Tulluu Cuqqaalaa irratti yeroo dhiyoo raawwatamee fi yaaliiwwan waldhabdee amantii kutaalee akka Arsii fi Jimma keessatti kakaasuuf godhaman akka fakkeenyummaatti kaasuu dandeenya. Abiy, garaagarummaawwan hawaasa kamuu keessa jiran haala walitti bu’iinsa uumuun shiraan itti dhimma bahuudhaan, ummata daneessummaa qabaatullee sabaafi amantiin osoo wal hin foo’in waltahee sochii roorroo diddaa taasisu kamuu danquuf nama ifatti hojjetu dha.
Dubbiin Mooyyalee kunis qaamuma taateewwan irra deddeebiin raawwatamaa turan keessaa isa tokko yoo tahu, akeekni isaa lafoota daangaa hawaasa Oromoo fi Somaalee keessatti tasgabbii fi nagaa dhorkuun walitti bu’iinsa dalgaa dhalchuun, lammileen ummatoota lamaanii waliin dhaabatanii akka hin falmanne dhorkuu dha. Dhaamsi obboleeyyan keenya Soomaleef qabnu: hookkaraa ykn walitti bu’iinsa maqaa keessaniin adeemsifamu hunda ofirraa lolaa. Abiy hawaasa keenya walitti bu’urraa siyasa shaqaxachuuf malee dantaa hawaasa lameeniituu hin kabachiisu.
Qooda fudhattoota Oromoo muraasa, otoo beektaniis ta’ee osoo hin beekin, ajandaa diigumsaa sirnichi raawwatu waliin hiriirtanii jirtaniif: dhaabbadhaa yaadaa. Humni Soomalee walaba ta’ee daangaa keenyatti bobba’ee rakkoo uumu hin jiru. Rakkoon kun hundi isaa ‘Araat-Kiiloo’tti kan hanqaaqamee fi, sab qunnamtii sirnichaatiin kan ibsame dha. Ija keessan banadhaa laala. Hanga Abiy aangoorra jirutti gaaffiin Oromoo kamuu deebii sirnaa hin argatu.
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Adoolessa 27, 2025
