• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Algee Saachii keessatti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo tokko mana hidhaa keessaa baasuun bakka buutee dhabamsiisan

Aug 6, 2025

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Jiraataa Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee Saachii ganda Yagaarree Buunnoo kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Kaaffee Jorgii jedhamu jaleewwan sirnichaa maqaa inni hin qabne itti maxxansanii waajjira poolisii aanichaatti yeroo dheeraaf hidhanii hiraarsaa erga turanii booda torban darbe keessa mana hidhaa irraa baasuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun siyaasa kam keessaa hirmaannaa osoo hin qabaatin maqaa “miseensa WBO’ti” jedhuun yakkamee dararamaa kan ture ta’uun dabalataan ibsameera.

Teessoo siyaasaa nam-tokkee eeguuf jecha goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa, meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti haala duraan barameen olitti duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading