• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horrootti waraanni PP maatii qabsaa’ootaa hidhaanii hiraarsaa jiraachuun dhaga’ame

Nov 2, 2025

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Gitiloo Dalee keessaa waraanni PP maatii qabsaa’ootaa ilmaan keessan nu lolaa jiran fidaa galchaa jechuun waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himanitti, namoonni maqaan isaanii:

  1. Obbo Magarsaa Gushuluu,
  2. Obbo Dachaasaa Dheeressaa,
  3. Obbo Ibsaa Galataa,
  4. Aadde Jifaaree Hoffolaa,
  5. Eebbaa Booraa fi 
  6. Haftee Margaa  

jedhaman sababa” ilmaan isaanii miseensa WBO” ta’aniif qofa Waajjira Poolisii aanaa Horroo Magaalaa Shaambuu keessatti hidhamuun hiraarfamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Bulchiinsi sirna nam-tokkee Bilxiginnaan maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti dararaa hammeessuun akka waan qabsoo sabichaa dadhabsiisaa jiruutti yoo fudhateyyyuu sabni Oromoo xiiqii keessa galuun ittuu qabsoo bilisummaa isaa finiinsaa jiraachuutu mul’ata. 

Murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’ootaa irratti addatti xiyyeeffachuun qe’ee fi qabeenya isaanii irratti badii tokko malee irra deddeebbiin yakkoota garaagaraa irratti raawwachuu itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading