ONM-ABO Sadaasa 16, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaalee akka Martii, Gunaa, Jajuu fi Shanan Kooluu keessatti maqaa Faannoo jedhuun namoota sabaan Amaara ta’an ofii isaatti qindeessuun ummatatti bobbaasuun namoota hedduu irraan midhaa geessisuu kan ture godina Arsii bahaa aanaa Honqooloo Waabee keessatti murni Bilxiginnaa namoota sabaan Amaara ta’an ijaaruun hawaasatti bobbaasee miidhaa guddaa hawaasa irraan geessisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Haaluma kanaan gaafa Sadaasa 11 aanaa Honqooloo Waabee ganda Boqojjii Mirxii keessatti qonnaan bultoota midhaan isaanii haammachaa turanii gara mana isaaniitti galuuf imalaa turan irratti murni ijaaramee jiru kun karaatti bahee ukkaamsuun erga hedduu reebee booda daandii irratti gatanii biraa deemuu jiraattonni ibsaniiru.
Akkuma kanaan hawaasni gandichaa namoota reebamanii daandii irra ciisan arganii itti birmachuun erga lafaa kaasanii booda gaafa Sadaasa 12 ganama waajjira gandaatti geessanii namoota kana sababa maaliitiif qaamni mootummaan ijaarame karaatti ba’ee miidhaa qaqqabsiisaa jechuun caasaalii gandaa oggaa gaafatan, finxaalessaan ijaaramee hawaasa keessa dhokatee jiru tokko naannuma waajjirichaatti boombii harkaa itti darbachuun yoo xiqqaate namoota 2 ajjeessee 20 ol madeessuu jiraattotni naannichaa ibsaaniru.
Namoota miidhaan haala kanaan irraa qaqqabe keessaa muraasni:
- Sheek Adaam Maammee fi
- Gishuu Ibroo kan jedhaman namoota du’an yoo ta’u
kanneen madaa’anii hafan immoo:
- Mahaammad Xilaa,
- Jamiilaa Amaan,
- Misraa Xabboo,
- Raabiyaa Hajjii,
- Umar Tusaa,
- Heddoo Aliyyii,
- Kadijjaa Woliyyii,
- Arabee Heddoo,
- Luuccoo Qumbii,
- Mahaammad Umar,
- Ismaa’el Koree,
- Turaa Aliyyii,
- Dassaa Ayyuubaa,
- Noottii Xabboo,
- Mahaammad Kaliil
- Abdurroo Husaa
- Tamiimaa Huusaa
- Huseen Kaliil fi
- Alamuuddiin Husaa
kanneen jedhaman namoota madoon qaamaa irra ga’e ta’uu odeessi gamasii ONM dhaqqabe ni addeessa.
Akka miidhamtoonni kunneen jedhanitti wayita qaamni kun dhufee hawaasa kanatti boombii darbachuuf giiphii isaa qaqqabatee boombicha baafatee sirreeffatu nuti arginee baqachuuf lafaa kaanee jennaan caasoliin nu cina jiran qawwee nutti nyaachifatanii lafaa ka’u nu dhorkinaan nutis sodaannee teenye, sana booda namichi kun boombii nutti darbatee osoo caasonni kun rasaasa tokko itti hin dhukaasin ofirra garagalee nu biraa deemee jedhu jiraattonni taatecha keessa turan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko.
Caasaan gandaa wayita taatee kanaa achitti argaman maqaan isaanii Nagaash Lammaa, Salamoon Kabbadee, Dabbabaa Damissee, Abbii Baqqalaa fi Abbittii kanneen jedhamaniidha.
Qaamni finxaalessaan kun bakkaa fi yeroo garaagaraatti ijaaramee uummata Oromoo doorsisaa, saamaa, ajjeesaa fi buqqisaa kan jiru yoo ta’u, hawaasichi qaama dhimmi ilaallatutti iyyataa turus furmaanni tokkollee godhameefii kan hin jirree fi yeroo gaaffii akkasii gaafatamuttis ni kijibdan jechuun hawaasichatti dheekkamaa gama miidiyaan ammoo bu’aa siyaasaaf Faannootu tarkaanfii fudhate jechuun dubbatu. Caasaan qaama nageenyaa ofiin jedhan biratti dhufee osoo isaan qawwee qabatanii dhaabbatanii bifa kanaan miidhaa nurratti qaqqabsiisuun isaa dur irraa kaasee hanga ammaatti walii galteen hojjechaa jiraachuun isaanii ragaa nuuf ba’ee jira jechuun yaada isaanii ibsatu jiraattonni ardichaa dubbisne tokko tokko.
Kana malees yeroo garaagaraatti hawaasa aanichaa keessatti bifuma beekama ta’een loltoota isaa itti bobbaasee maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu jedhuun sababa qabatamaa tokko malee maqaa ofii itti moggaaseen sabicha hiraarsaa kan jiru yoo ta’u, amma immoo bifa dhokataa ta’een finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman irratti ijaaree bobbaasuun miidhaa hammaataa geessisaa jiraachuun ni beekama.





