• Sat. Apr 18th, 2026

Daawwannaa Abiy Ahmed Wallaggaa (Ibsa ABO-WBO)

Feb 18, 2026

Barii Perzidentii Turkiitiin naannoo Gaanfa Afrikaa ergamutummaan jeequu akka dhaabuakeekkachiifni itti kennameen, har’a Abiy Ahmed Lixa Wallaggaa bakkoota muraasadawwachuu himateera. Waa sadiif kana godhe:

  1. Dhokatee Wallagga seenee bahuun lixa Oromiyaa irratti to’annaa qabaachuu
    miidiyaan walitti dhayee, argisiisafachuu herregeetu. Hilikoopteraan dhokatanii
    lafa muraasa irratti mul’achuun to’annoon inni argisiisu tokkoollee hin jiru. Shiftaan mandara keessaallee yeroo gabaabaaf lafa muraasa to’atee argisiisu in danda’a. Inummaayyuu daawwannaa kana irra wanti hubannu, Abiy Ahmed Oromiyaa keessatti bulchiinsa hiika qabu gadi dhaabuu akkaata itti argisiisu
    danda’u dhabuu irraa madda.
  2. Soba bubbule kan “rakkoo waraana Oromiyaa dhale haasofnee furuu dandeenya” jedhu dabarsuu barbaade. Kun soba adii ta’uu qabatamaan irra deddebi’ee mul’ateera. Abiy Ahmed rakkoo Oromiyaa nagaan xumuruu gaafa jedhu, Oromoon salphifamee, gaaffii qabu dhiisee, ajandaa wallaalummaa isaa jala haa jilbeeffatu jechuu qofaa akka ta’e namni ija qabu hunduu argeera. Har’a irra deebi’ee sobuun isaa garuu mooraa Oromoo keessa ammayyuu humnoota inni goyyomsaan of jala ergachuu hawwu jiraachuu qofa nutti hima.
  3. Akkuma yeroo hunda godhu, haasaa har’aatiinis fayidaaf dantaa Oromoof kan dhaabbate of fakkeessuun, ummati keenya sabaa fi sablammoota kaan waliin akka walitti bu’u, isa aangoo irratti tiksuuf akka lubbuu isaa gabbaru, diinummaan Oromoo irratti akka baay’atu waakkatee gale. Har’atti diinni dantaa biyyoolessaa Oromoo inni hangafni Abiy Ahmedi. Kana hubachuun ilmaan Oromoo sirnicha keessa jirtan, akkasumas hogganonni qabsoo Oromoo hundi WBO waliin dhaabbachuun balaa Oromoo fi Oromiyaa irratti kallattii kamirraayyuu akeekame qolachuuf akka qophooftan dhaamsa dabarsina.

Ajaja Olaanaa ABO-WBO


Guraandhala 18, 202

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading