Guyyaa aangoon harkatti kufte irraa kaasee, Abiy Ahmed ummattotaafi humnoota siyaasaa biyyattii walitti buusuu akka toftaa hangafa aangoorra ittiin bubbulaniitti gargaaramaa dhufe. Waggoottan saddeet darban, toftaan kun jechoota hawwatoo akka ‘jaalalaa’, ‘nagaa’ fi ‘ida’amuu’ jedhaman jala dhokfamee lubbuu fi qabeenya hedduu gaaga’e.
Torbanuma darbe kan keessa qofa, Abiy Ahmed dhokatee gara Wallaggaa imaluun Oromoon aangoo isaa tiksuuf aarsaa hin barbaachifne akka kaffalu, ummatoota biyyattii kaan shakkiin akka ilaalu kakaasee gale. Kaayyoon isaa Oromootti diina horee qophxeessee, qabeenyaa fi lubbuu Oromoo jala dhokachuu dha. Namni kun isuma dhiyeenya ifatti “Lola taasifameen Tigraay caalaa Wallagga barbadeessine” jedhee dhaadachaa ture sani.
Achii deebi’ee ammoo, naannolee filannoo kan Wolkaayitiifi Raayyaa dura kan Tigray jala gochuun labse, deebisee fudhachuun, gara kaabaatti hookkara biraa dhalchuuf dhama’e. Guyyoota muraasaa booda, ergamtoota isaa bobbaasuun, hordoftoota amantaa Kiristaanaa, namoota Sivilii Arsii keessatti ficcisiise. Kaayyoon namichaa tokkuma. Kallattii hundumaan Oromootti diina horuu fi gaafa qophxeesse, lubbuufi qabeenya ummata kanan qumaara taphachuu dha. Hawaasicha keessa aadaan wal danda’u gadi fageenya waan qabuuf qofaaf hawaasni ammallee tokkummaadhaan jira. Kanaan achi gochi yaalame kun, Amaaraa Oromoo irratti, Kiristaana Muslima irratti, ollaa ollaarratti kakasuu kan godhame ture.
Humni namoota sivilii, hiyyeessa jireenya isaa mohachuuf dhama’u, kaayyoo siyaasaa kamiifuu ajjeesu, diina qabsoo bilisummaa Oromooti. Takkaan lubbuu namaa kabjamaa namummaa irraa mulqa. Karaa biraa immoo kaayyoo keenya, galma keenya isa qulqulluu booressa.
Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Bitootessa 2, 2026

