ONM-ABO Eebla 15, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo ganda Giddaa Burruusoo keessatti Ebla 9, 2026 caasaan murna Bilxiginnaa maqaan isaa Faayisaa Xurunaa jedhamu bulchaan ganda Giddaa Qumbii qindeessa mana barnootaa daree 1-8 kan ta’e Baacaa Haayiluu Guuttataa jedhamuun maqaa barattoota daree 5-8 galmeessii naaf kenni jechuun kaardii filannoo ittiin hatuuf haala mijeeffachaa jiraachuu isaa jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa ONM’f himanitti, ergamtoonni sirna abbaa irree Bilxiginnaa kaardii filannoo gara fuula duraatti hawaasni fedhii isaan fudhatee filannoo dhufaa jiru akka filatuuf kennamu hatuuf maqaa namoota hedduu galmeessanii kaa’uun dhuma irratti maqaa namoota kanaan kaardii filannoo hatuu fi haala mijeeffachaa jiraachuun isaanii beekame jira.
Akkuma sirnootni impaayerattii bulchaa turan duraanii afaaniin diimokiraasii jedhanii uummata burjaajessaa filannoo sobaa geggeessaa turan, Bilxiginnaanis afaaniin badhaadhina jedhee uummata afaan faajjessaa filannoo marsaa 7ffaa amma geggeessuuf deemu irratti sagalee uummataa hatuuf jecha akka waan uummatni galmaa’ee kaardii filannoo fudhateetti maqaa barattootaa galmeessanii akka waan filatanii fakkeessuun filannoo dharaa geggeessanii hawaasa afaan faajjessaa jiraachuun isaanii beekamee jira.











