• Sat. Apr 25th, 2026

Aanaa Coomman Guduruu fi Jimmaa Raaree keessatti loltonnii Bilxiginnaa uummata nagaa jumlaan hidhaa jiraachuun dhaga’ame

Apr 16, 2026

ONM-ABO Eebla 16, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Coomman Guduruu fi Jimmaa Raaree gandoota garaagaraa keessatti Ebla 14, 2026 loltootni Bilxiginnaa uummata nagaa badii tokko malee jumlaan hidhaatti guuranii hiraarsaa  jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, aanaa Jimmaa Raaree ganda Jaarraaf Shumboo keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Asheetuu Alamuu,
  2. Mirreessaa Baqqalaa,
  3. Balaynesh Fiixee,
  4. Lammii Darajjee 

kanneen jedhaman badii tokko malee jumlaan uukkaamsuun Aanaa Coomman Guduruu Magaalaa Gabateetti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himun. Aanaa Coomman Guduruu ganda Aagaa keessaas nama maqaan ishee Tuunee Yaadataa jedhamtuu fi namoota biroo ammaaf maqaan adda hin baanee hidhaanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo yakkuun loltoota isaa itti bobbaasee gochoota suukkaneessoo ta’an irratti raawwachuun qe’ee fi qabeenya isaanii irratti roorroo fi gidiraa gita hin qabneef saaxiluun diinummaa Saba Oromootiif qabu ifatti mul’isaa jiraachuu taatewwan guyyaa guyyaan raawwataman irraa hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading