ONM-ABO Eebla 16, 2026
Miseensonni loltuu faashistii Bilxiginnaa duraanii kan maqaa milishaa fi farra-riphee lolaa jechuun of-waamaan lama gaafa Ebla 13, 2026 godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo fi Mana Sibuu irraa sirna balfamaa ganuun wabii uummata bal’aa WBO’tti makamuun ibsameera.
Loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa duraanii kunneen qawwee AKM 2 fi hidhannoo qabachuun Waraanaa Bilisummaa Oromoo bira nagaan gahuu kan himan, gama WBO’tiinis simannaa ho’aa fi kabajni guddaan nuuf taasifameera jedhu.
Akka miseensoonni loltuu murna PP duraanii kunneen jedhanitti mooraan sirna Bilxiginnaa lola keessoo fi jibba gareen wal-qindeessuun uumamaa jiruun raafama guddaa keessa jiraachuu kan himan, guyyuu miseensonni loltootaa keessaa badaa jirus jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Xumura irratti mooraan dhiiga ilmaan hiyyeessaan ijaarame diigamuun isaa hin oolu. Ilmaan Oromoo kanneen saba bal’aa aadaa, eenyummaa, hawaasummaa sirrii fi kabaja nu barsiise salphisnee, diina gammachiisuu dhiisuun yeroon itti mooraa hamminaan guutame keessaa bahuun WBOtti dabalamtan amma waan ta’eef yeroon akka keenya kottaa harka laattaadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

