• Mon. Apr 27th, 2026

Aanaa Hidhabuu Abootee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa namoota hedduu ji’oota afurii oliif hidhanii hiraarsaa jiraachuun himame

Apr 16, 2026

ONM-ABO Eebla 16, 2026

Dantaa sabaa caalaa garaa isaaniif bitamun sabaa irraa dhalatan hiraarsuu aadaa kan godhatan ergamtoonni Bilxiginnaa, godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Dirree Baantuu jedhamu irraa qabanii ji’aa afur oliif shamaranii fi dargaaggoota wajjiraa poolisii aanichaatti hidhaanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Shamaranii fi dargaaggoonni tiksiitotaa barcuma abbaa irree koloneel Abiyyi Ahimadiin qabamanii mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran keessa muraasni maqaan isaanii nu ga’e:

  1. Shamarree Daasii Taaddasaa,
  2. Shamarree Loomii Gaaroo fi obboleessa ishee
  3. Dargaaggoo Birree Gaaroo 

jedhaman wajjiraa poolisii aanaa Hidhabuu Abootee keessatti ji’oota afurii oliif hidhamanii dararaama kan jiran ta’uu maddeen keenya ONMf eeraniiru. 

Akka maddeen himaniitti sababa dargaaggoonni fi shamarran kunneen hidhamanii dararaama jiraniif badii balleessan qabatanii osoo hin taane maqaa sobaa isaan keessaa hin qabne “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu fi WBO nyaataa nyaachistan” jedhuun gaaffii seeraa tokko malee manaa fi maatii isaanii irraa qabanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Ergamtoonni Bilxiginnaa ajaja abbaa irree kolonel Abiyyi Ahimad irraa fudhachuun mallaqaa muraasaan gowwomfamanii waan sammuun isaanii isaan ajaje cufa hawaasa nagaan qe’eef qabeenyasaarra jiraatutti maxxansuun hidhaanii hiraarsuu, qabanii bakka butee dhabamsiisuu, ukkaamsanii gara waraanaatti guuruu fi ajjeessanii bakkee keessatti bineensaa nyaachisuun gocha seeraa fi seenaan hin daggane raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading