• Fri. May 1st, 2026

Aanaa Harxummaa Furseetti lukkeelee Bilxiginnaan maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun hidhaa fi doorsisni haadholii irratti geggeeffamu jabaate

Apr 16, 2026

ONM-ABO Eebla 16, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni sirnichaa gaarummaan hanga samii irraa fagaatee fi hammeenyummaa qofa raawwachuun beekaman, tibbana maqaa sakattaa WBO da’oo godhachuun qe’ee hawaasa nagaatti bobba’anii maqaa ilmaan keessan bosonaa galchaa jedhuun haadholii hedduu hidhaatti guuraa jiraachuun isaanii beekameera.

Bifuma kanaanis Ebla 13, 2026 aanaa Harxummaa Furseetti qawween balbala namootaa cufa irra deemuun hawaasa meesha maleeyyii doorsisanii maqaa ilmaan keessantu bosona jira jedhuun haadholii lakkoofsaan 10 ol ta’an isin ajjeesna jedhanii itti dhaadachaa fi uleen doorsisaa hidhaatti darbataniiru.

Haadholiin gaafatamni ilmaan isaanii itti deebifamuun umrii guddummaa kanaan loltoota PP’n doorsifamaa fi reebamaa hidhaatti darbataman kunneenis muraasni maqaa arganne:

ganda Harruqqee irraa:

  1. Aadde Muntee Amiin, 

ganda Rakkoo irraa: 

  1. Aadde Haliimaa Amiin, 
  2. Aadde Kadijjaa Usmaan Sheekichaa, 

ganda Utaaltee irraa: 

  1. Aadde Rihaanaa Mahaammad Ayyoolaa,
  2. Aadde Hayaat Aliyyuu,
  3. Adde Ashraqaa Qaadii,
  4. Aadde Faaxumaa Hasan, 
  5. Aadde Faaxoo Galaayyee fi 
  6. Aadde Muntee Zeeynii 

kanneen jedhaman daa’imman kikichuu isaan of harkaa qaban dirqiin irraa lafa kaa’uun harmootii kana ukkaamsanii hidhaatti darbachuu jiraattotni onichaa ONM’f gabaasaniiru. 

Aanaa Harxummaa Fursee dabalatee godina Walloo aanota garaagaraa keessatti gara jabeeyyiin murna gabroomfataa PP maqaa sakattaa WBO jedhuun baatii tokkoo oliif baadiyaa qe’ee uummataatti bobbaafamanii jiran lammiilee nagaa barjaa dharaa itti maxxansanii hidhuu, reebuu, saamuu, buqqisuu fi doorsisuun abdii jireenyaa itti dukkaneessaa jiraachuu jiraattotni godina Walloo aanaalee adda addaa irraa dubbisne dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading