Oromoon Ammatti Mootummaa Akka Hin Qabne Beekuun Dirqama
Sadarkaa biyya ijaaruu fi bulchuutti Oromoon madaala dhumaa fi waa’ee hin baasne baatee hanga yoonaa Impaayericha jala gugguufa. Kunis sammuu fi ilaalcha fagoo, akkasumas gurra ittiin quuqamtoota ilmaansaa ittiin dhagahu dhabuu irraa dhufe.
Seenaa achi fagoo yoo dhiisneyyuu, erguma ‘Sirni Federaaliizimii’ jedhan kun dhufeetii kaasee, Oromoon akka guddummaa, beekumtaa fi gahumsa isaatti kabajaa hin arganne. Kabajamuun waan guddaadha. Tarree sabummaa fi lamummaa biyyattii keessaayyuu moggifamee, tuffatame.
Waanti Oromiyaa naannolee biroorraa, akkasumas Oromoo saboota biroorraa adda godhu yoo jiraate, biyya Xoophiyaa jedhamtu keessatti gahee qeenxeellee dhabuu isaati. Haa xiqqaatu haa guddatu garuu naannolee fi saboonni biroon sadarkaa naannoo fi federaalaatti qaamaa fi nama bakka isaanii bu’ee yaada sabichaa dhiheessuu fi rakkoo waloon qaban furu ni qabu. Sirni biyya kanaa saboota heedduu (yoo xiqqaate %85 oliif) yaaddoo fi gidiraa ta’uyyuu, hanga tokko adeemsa isaa eeggatee gaaffiin sabaa ni deebi’a. Kan saba Oromoo garuu takkaafuu gaaffii deebii argate argees dhaga’ees hin beeku. Kun kan ta’eef, qaamni ammatti “ani mootummaadha. Sadarkaa federaalaa fi naannootti Oromoo bakka bu’een jira” ofiin jedhu kun madaallaa kamiinuu Oromoo bakka kan hin buunee fi miira Oromummaa kan hin qabne ta’uun wal nama hin gaafachiisu. Inumaayyuu akka waanjoo fi yaaddoon wayii wal guuree Oromoo irratti wal ijaareettin ilaala. Qaamni Oromiyaan bakka bu’a jedhu, OPDOn kaleessaa fi PPn har’aa kun akka idaa (debt)n wayii uummata kanarra tuulameetti natti mul’ata.
Mee namuu haa ilaalus, haa yaadus!
OPDO/PP gaaffii Oromoo bu’uuraa kan durii hanga har’aa sana of-harkaa qabu, yokaan ammoo yoo harkaa dhabes qaama gaaffii kana of harkaa qabuuf beekamtii kan laatii fi daandii saaquuf takkaa argitaniittuu? Dhuguma mee natti himaa dhaga’uun fedhaa. Tasumaa hin jiru. Kun kan ta’eef mootummaa guutummaa guutuutti dhabuu fi qaamni amma ani bakka bu’aadha jedhee wacaa jiru kun muurna waanbadee fi kasaaraa guddaa Oromoo fi Oromiyaa irra jiru ta’uun argaa shakkii hin qabnedha.
Falli Maali?
1. Gaaffii ofii kan durii fi ammaa adda baasuun, qaama yokaan ammoo nama gaaffii sana of-harkaa qabuuf beekamtii kennu.
2. Qaama yokaan nama sanaaf wayita beekamtii laannu gaafficha isumaaf dhiisuu osoo hin taane, gargaaruun gaafachuu. Gaafachuun yoo kan hin danda’amne ta’e ammoo waliin furmaata qaamichi itti amanutti makamuu. Jala hiriiruun qaama sana aangoomsuu.
3. Qaama beekamtii kennineef sana akka mootummaa ta’utti ijaarrachuu fi cimsuu. Ammattis akka mootummaa ta’etti fudhatanii jalatti buluu. Qaama bakka bu’ummaa fudhate kanaafis gaaffii dhiyeessuu fi waliin dubbachuun waan fardiidha.
Dhumarratti:
Xoophiyaan Impaayera. Impaayera ammoo diiguun dirqama. Kan diigan ammoo akkasumaan miti. Humna fayyadamanii diigu. Sanuu humna beekumsaan dhaangi’ame. Kan sana diiguuf humna qabuu fi beekumsa qabu ammoo ammaaf akka Oromootti ABO-WBOdha. Jaalattanis jibbitanis, kan ammatti gaaffii Oromoo of-harkaa qabu isaani. Hanga dhumaatti inni siif amanamaadha. Atis isaaf amanamii galma kee dhaqqabi!
Oromiyaan Ni Walaboomti!
Gurraandaa 24, 2022
#WBOJabeessaa
#IndependentOromia
Qilxuu Jiloo tiin