Jaal Seenessaa Burqaa tiin
- Konkolaataa lubbuu Oromoo hedduu fixee qarree boollaa irra jiru, shofera lubbuu ilmaan namaa miliyoona tokkoo ol fixee booda ammas akka konkolaataa sana oofuf haala aanjessuuf hojjechuu qabna jechuun, otoo gaafatama hin fudhatiin yakka biraaf qopheessuun mataa isaatiin yakka miti? Akka shofeeraa fi konkolaataa sana of duuba harkistuuf maaltu si dirqe? Oromootu nama dhabe moo, konkolaataa biraa tolfachuu hin dandahu moo? Maalumaaf nama addunyaan jibbe waliin afaan boolla irra dhaabbatanii waliin rarra’uun barbaachise?
- Finfinnee teessee jaarmayaa mootummaan lolaa jiru waliin nan haasaha jechaa jirta, namni inni kaan quunnamtii WBO fi Junta waliin qabda jedhamee yeroo shakkii dhaan qofa hidhamuu fi ajjeefamu gabaasaa dhageenya. Ati maal taanaan WBOf fi TPLF waliin quunnamee waliin nan hojjedha ykn hojjechuu nan barbaada jechaa hireen lammiilee biraa osoo si irra hin gahiin hafe? Inumaayyuu Passportin siif kennameefii biyya alaa fi ollaa keessatti akka barbaadde deemtee namoota feete akka agartu haalli siif aanjahaa jiru kana akkamiin ibsita?
- Sababaa jijjiiramni Abiy faa jedhan itti gufateef gaafa ibsitu sababa lama keesse, tokko WBO sirnaan hiikkachiisuu dhabuu fi lammaffaa ammoo TPLF reintegrate gochuu dadhabuudha jette, ammas jijjiiramicha milkeessuuf TPLF reintigrate gochuu fi WBO hiikkachiisuutu fala dha jechaa jirta?
- Akka investment guddaa biyya keessaa qabdu dhageenya, sababaan biyya alaatti bobbaafamtee horii walitti guuruun kunis akka horiin WBOf walitti qabamu xiqqaatuuf, sun ammoo WBO dadhabsiisuuf yaadamee akka ta’e dubbatama. Horii kana osoo akka WBOn waan eegale kana jabeeffatu otoo dhiisteefii hin wayyu? Namni diaspora keessaa tokkoomee WBO gargaaraa ture, amma maqaa gandaa fi amantaan wal facaasuu eegaluun qabsoo bilisummaa Oromoof bu’aa maalii qaba? Isin warri karaa nagaa uummata keessan keessa jirtu, investment keessaas waa argattu, mootumaanis waa isiniif kenna jedhama, waan ala kanaa walitti qabamu ammoo otoo WBOf dhiistanii maal isinitti fakkaata?
- Eritrean dhimma Itiyophiyaa keessa seenuun ishee homaa miti, guutuutti akka biyya alaatti ilaalamuu hin dandeessu jettee jirta. Otoo Eritrean biyya of dandeessee jiraachaa jirtu Oromiyaatti bobbaatee nama fixuun ishee obsaan ilaalamuu qaba jechuun maal irraa ka’a? Kan jedhu faa osoo gaafatamee gaarii na fakkaata,
- Yeroo Abiy si ajjeesuuf jedhu Oromoon hedduu si ittisuuf bahee dhumate, amma mootummaan Abiy amma filannoo dhufutti itti fufuu qaba jedhanii waliin dhaabbachuun, lubbuu Haacaaluu dabalatee namoota qabsoo kanaaf wareegaman ganuu isinitti hin fakkaatu? Wareegama Oromootti bishaan naquu hin ta’uu? Amma mootummaa kana afaan qilee irraa of duuba deebisna jechuun haqa namoota wareegamanii awwaaluu hin ta’uu?
Ato Jawarii fi Ato Baqqalaan biyya Ala deemanii Diyaaspoora Oromoo dubbisa jiru.Diyaaspooran Oromoo tarii gaaffii kana isaan gaafate?
Gaaffiin an isaaniif qabu
1.Gaafa nama dubbisan maqaa OFC moo akka dhuunfaatti dubbisu?
- Kaayyoon nama dubbisaniif maali?
- Yoo maallaqa gaafatu tahe kaayyoon maallaqa funaananiif maali? Mataa isaniif moo dhaaba isaniif funaanu?
4.Yoo akkuma jedhamu araraaf ta’e namni hooggana dhaaba tokkoo ta’e, qaama marii biyyichaa keessattis hirmaatu akkamiin araarsituu ta’uu danda’a? Gama tokkoon akka OFCtti qaama marii keessatti hiraamtu ta’ee kara biraan araarsituu ta’uun ni ta’aa? - Jarri kun kana dura WBO galchanii PPtti kennanaii kan summii nyaachisiisan, amma yoo araarsituu taana jedhan dhugumatti Oromoo biratti fudhatamuu danda’uu?
6.Tajaajilli addaa isaaniif mana hidhaatti kennamuun gaariidha, garuu hidhamtooti biraan waan nyaatan hin qaban, mana hidhaatti dhukubaan kan dhumaa jiranii maaliifi laata?
7.Haacaaluu fakkii isaa of duuba ka’uun gaarii, garuu dhimma araaraa waliin maaltu walitti fida, Abiyyi Haacaluu ajjeese nu haa bitu jechunis du’a Haacaalutti qoosuu hin fakkaatuu? - Namni miseensa fi hooggana dhaaba tokkoo ta’e Alaabaa mataa isa yoo ta’e malee alaabaa sadii of cina ka’uun maal jechuudh? Bara kana akkasitti ijoolleeyyuu sobuun ni danda’ama jettanii yaadduu?…
