Dhugaa Dubbachuun Yoomiyyuu Cubbuu Hin Ta’u!
Qilxuu Jiloo tiin
Oromoo saba bal’aa nana akkuma dachiinis, uummataanis bal’aa taate, yaadaa fi xiinsammuunis bal’aa ta’i. Dhugaa gad-baasnee yoo walitti himne cubbuu miti. Dhugaa dubbachuun yoo nama cubbisee fi kan nama xureessu ta’e ammoo ani akka kiyyatti cubbamuu fi xuraa’uun filannoo kooti.
Dhugaan Jiru Maali?
Jawaar Mohaammed fi namootni biroon kan qeeqaman, kan irratti dubbannuu; gochaa fi yaada isaanii balaaleffannuuf jibba dhuunfaa (amantaa, miseensummaa dhaabaa fi ganda dhalootaa) isaaniitiin miti. Namoonni iji isaanii dur jaamee fi gurri isaanii erga duudee bubbuleeru garuu, “Jawaar waan dhalataa Baha Oromiyaa –Arsii ta’eef, sababanni amantaa Islaamaa hordofuuf, yokaan ammoo sababa inni miseensa KFO ta’eef jibbama” jechuun haasaa fokkataa bukeessan argaa jirra. Kun odeessa dhugaa irraa fagoodha.
Ani Kanarratti Waanin Jedhu Yoo Jiraate:
Jawaar dhalataa Baha Oromiyaa (warra Sikkoo Mandoo) irraa dhalachuun cubbamaa isa hin taasisu. Inumaayyuu Oromoo eenyummaa isaa tiksuu fi duula sirna Minilik kan sabummaa Oromoo balleessuuf irratti qiyyaafatee ture dursummaan ofirraa qolachuu keessatti qooda Leencaa qaban irraa dhalachuun isaa eebbifamaadha. Baga irraa dhalates!
Namoota heedduu jajaboo ta’an kanin maqaa isaanii tarreessee fixuuf yeroo fi haalli na danqu heedduutu achirraa biqilee gumaacha Qabsoo Bilisummaa Oromoof ta’e. Jaal Nadhii Gammadaa kan dachiin sun Oromoof biqilchite har’a onnee Oromoo maraa keessaa iddoo olaanaa qaba. Isa lubbuun hin jirre qofa miti. Kan lubbuun jiran heedduun isaanii har’a kaan WBO, kaan hayyoota, kaan ammoo qabsaa’ota mirga saba Oromoo ta’anii addunyaa guutuurra jiru. Kana eenyullee haaluu hin danda’u.
Namoota ilaalcha akkasiitiin burjaaja’anii saba keenya burjaajii gandummaa keessatti kuffiisuuf deeman kanaaf deebiin koo quunbsaa ta’uu dhiisuu mala. Sababnisaa isaan silayyuu dhugaa nuti walitti himnu wallaalanii osoo hin taane, ajandaa sirna Bilxiginnaa of harkaa waan qabaniif, olola kana fayyadamanii saba keenya yaada hatuun Qabsoo galmatti dhiyaattee kana butanii gara dabarsuuf warra ifaajanidha.
Gama biraan ammoo Jawaar qofa namni qeeqamee fi yaadni isaa mormame. Namoota heedduu kan ilaalchi isaanii Qabsoo keenyaaf summii ta’etu mormamaa fi qeeqamaa jira. Akka fakkeenyaatti Obbo Leencoo Lataa faa dabalatee kanneen ilaalcha Xoophiyummaa qaban heedduutu Oromoon qeeqamaa jira. Sammuu yaadu dhabuu keenya mul’isa malee namni qeenxeen tokko qofti qeeqamaa hin jiru. Namni qeenxees ajandaa ta’uu, akkasumas namarratti haasa’uunis gahumsa nama tokkoo hin mul’isu. Isa jal’aa sirreessuu, yoo dide ammoo daandiirraa maqsuun dirqama waan ta’e qofaafi.
Kan biraan ammoo namoonni danuun yoo nama amantas isaanii hordofu irratti qeeqni adeemsifame lafumaa ka’anii girrisan danuudha. Ammas walitti himna. Amantaan kamuu ajandaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo miti. Namni kamuus amantaa fedhe hordofuuf mirga hin daangeffamne qaba. Jawaar Musliima waan ta’eef irrattis hin duulamne. Muslima waan ta’e qofaafis balfa isaa irraa haquuf kanneen girrisaniif afaan hin qabannu.
Fakkeenyaaf namoota amantaa Kiristaanaa hordofan kan akka Luba Dr. Gammachiis Dastaa faa dabalatee kanneen heedduutu qeeqamaa fi afaan qabsiifamaa ture.
Miseensa Paartii Kongiresii Federaalawaa Oromoo ta’uu isaatiinis namni isa hin qeeqne. Keessattuu kanneen kabajaa fi sansakkaan isaanii Oromoo biratti iddoo olaanaa qabu kan akka Prof. Mararaafaan dhaaba kana keessa jiru. Nama isa qeequ argitanii beektuu? Hin beektan. Inni waan dubbatu tolchee beeka. Qabsoo karaa nagaa gaggeessus takkaa qabsoo Oromoo gurgurachuuf isaa tattaafatu namuu argee hin beeku. Kan biraa ammoo Baqqalaan dhaabaan KFO, dhalootaan ammoo Oromoota Maccaa –Wallaggaatti dhalate. Hanga Jawaar iddoo heeddui seenee waa hunda horfuu dhabullee akka nama tokkootti innis siyaasa kana keessatti heedduu balaaleffatamaa, akkasumas qeeqni irratti deemsifamaa jira. Kun kan nutti mul’isu eenyullee hojii harka isaa fi yaada jal’ina isaaatiin malee haalota isin maqaa dhooftan kanaan balaaleffatamaa hin jiru. Seechis hin jiraatu.
Hundeen Qeeqa Keenyaa Maali?
Qaamni yokaan ammoo namni dhuunfaan WBO irratti shira gaggeessu Oromoo keessaatti abaaramaadha. Jibbamaadhas. Qeeqamuus, irrattis duulamuus ni danda’a.
Ilaalchi isaa ammoo Qabsoo keenyaan faallaa yoo ta’e, kan Impaayera suphui fi Oromoos achi jalatti baraan gabroomee akka hafu kan godhu yoo ta’e, ni mormina. Ni qeeqnas!
Karaa kamiinuu Oromoof yoo bu’aa buusan ni jabeessinaan ala jibba biraa irraa hin qabaannu. Yoo qabsoo karaa nagaa dahoo godhachuun qabsoo hidhannoo irratti kan duulan jiraatan ammoo Jawaar dhiisii, ilma Waaqaatuu maaf hin taane, halkaniif guyyaa irratti duulla.
Ijaa fi qalbii keessan waantota tuffatamoo akkasiirraa kaasaatii galma keenya isa ta’e OROMIYAA WALABAA ijaaraa. Qaama (dhaaba) kana milkeessuuf dirree irraa qabsoo hadhooftuutti jiru ABO-WBOs tumsaa. Jabeessaa!
Galatoomaa!
Oromiyaa Walabaa Ni Ijaarra!
Qilxuu Jiloo tiin
