• Sat. Mar 25th, 2023

ODU Gaddaa

Feb 27, 2022

Magaalaa Dambi Doollootti Waraanni Bilxiginnaa Hojjetaa Baankii Daldala Itoophiyaa Ajjeese! —

SBS-Guraandhala 27/2022 —

Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambi Doollootti Waraanni murna bilxiginnaa Guraandhala 18/2022 hojjetaa baankii daldala Itoophiyaa kan ta’e nama maqaan isaa Taakkalee Birhaanuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Dambii Doolloo irraa Shinniigaaf himanii jiru.

Sababa neetwoorkii balleessanii jiraniif oduu bultee isiniin geenye kan jedhan maddeen sababni ajjeefamuu Taakkalee utuu hojii gara manaa gala jiru waraanni bilxiginnaa maalif nu ilaalte ittiin jechuu Guraandhala 17/2022 gara kaampii isaanii geessanii gaafa Guraandhala 18/2022 ajjeesanii gatuudha kan nuuf himan.

Waraanni mootummaa bilxiginnaa yeroo ammaa sababa homaa utuu hin qabaatin ilmaan Oromoo bakkoota heedduutti sababa malee ajjeesaa jiraachuun beekamaadha.

https://www.facebook.com/Shinniigaa-Broadcasting-Service-News-Channel-105760578689642

Leave a Reply