Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Giddu Galeessaa Konyaa Kibba Lixa Shaggar Diina Haleele.
(SQ-Caamsaa 21/2022)
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessa Konyaa Kibba Lixa Shaggar Waraana Bilxiginnaa duguuggaa Sanyii (genocide) Ummata Oromoo irratti raawwataa jirtu Kibba Lixa Shaggar ona Ammayyaa ganda Ajjaamoo iddoo Qoraattii jedhamutti du’aa fi madoon adabeera.
Murni weerartuu kun aarii Waraana Bilisummaa Oromoo naannessee tumeef mana ummataa 4 gubuun daa’ima kichuu 1/tokko ajjeesaniiru.
Yeroodhuma sanatti Waraanni Bilisummaa Oromoo Magaalaa Ammayyaa kan taate Gindootti dhukaasa itti baneen kaabinee fi waraanni magaalattii keessaa baqaaf oliif gadi fiigaa turani.
Gama waraana Bilisummaa Oromoon Injifannoo gurguddaan jiraachuu ajajaan Bakkicha ibseera.
