QABSOO OROMOO
JULY 24, 2022 / DJEMAOL
Leencoo Lataa, Galaasaa Dilboo, Leencoo Baatii, Diimaa Nagawoo, Ibsaa Nagawoo, Dhugaasaa Bakakkoo, Goollicha Dheengee, Araarsoo Biqilaa, fi kkf Qabsoo Ormoo bu’uressuu irraa qabee keessatti hirmaatanii qooda Oromummaa isaanii bahatanii jiru. Gariin isaanii bara Oromoon Oromummaa isaa balfeetti cichanii Oromoon eenyummaa isaa akka beekuuf ifaajjanii jiru. Seecoo isaan kaleessa kahaantu har’a daraaree ija godhataa jira. Namoota akkuma nama idillee tokko jireenya dhuunfaan milkaahu danda’antu gadi of deebisee wareega fudhatee Oromoon bakka har’a jiru akka gahuuf gumaache. Kanaaf Galata Guddaa qabu.
Qabsaa’oota Buleeyyii kana xiqqeesuun of xiqqeessu dha. Seenaa Qabsoo Oromoo wallaaluudhaleeti. Garuu adeemsa qabsoo keessa abdii murannaa, dantaa dhunfaas tahu dhiibbaa biroon karaa irraa yoo maqan arginee jirra. Waan umurii isaani itti fixanii kabaja itti argatan sana dagatanii gaafa mooraa haraamuu ijaajjanii asii achi saba qabsaahanif sana garagalanii ciniinan taajjabnee jirra.
Gaafa namoonni dhuunfaa kun qabsoo gananii Oromootti dudda deeffatan inni itti ciche harkaa fuudhee itti darbuun Kaayyoo jalqaba Jaallan kun qabatanii manaa bahan itti fufsiisee jira. Namni namuuma, Qabsoo Adunyaa kana irratti ilmaan cunqurfamtootaa geggeessan keessa wal ganuun saba ganuun
Jaal Marroo Dirribaa.
dantaaf kaayyoo jijjiruun “ego”f jedhanii saba qabsa’aniif sana dararuun mul’ateera. Kan Oromoos kana irraa adda miti. Adeemsi kun kaleessas tureera har’as jira borillee itti fufa.
Qabsoo keessatti Murteessaan dammaqiinsa Ummataa dha. Ummati waan barbaadu akka baruuf kaayyoo qabsaahuf akka beeku gochuun hojii guddaa Hoggantoota qabsoo irraa eegamu dha. Hawwaasa gaafa hogganaan dogoggoru “Maalif?” jedhee gaafatu, Sirri irra hin jirtu jedhee dura dhaabatu ijaaruun milka’ina qabsoof shoora guddaa taphata. Ummati Kaayyoo qabsaahuuf beeku nama dhuunfaa jala odoo hin taane kaayyoo sana jala hiriira.
Namni dhunfaa ni gana, ni wareegama, ni dadhaba. Gaafa kun tahu inni itti anuu qabsoo fuudhee iti fufsiisa. Hoggansii qabsoo labata qaba. Silaa Hoggana egereef tahu omishaa deemuun dirqamaa fi “Quality” hogganni dhugaa itti madaalamu keessaa tokko ture. Qabsoo Ummata cunqurfamaa, keessattu Afriikaa, keessati garu kun daran hin mul’atu. Nama tokkotu waggaa 30, 40f jaarmiyaa Bilisummaa hoggana. Yoo milka’anii angoo Biyyaa qabatanillee hanga du’anitti hiryoota waliin qabsa’a turanuu duguuganii dombii angoo irra turu. Kana kan fashalsu akkuman sila eere dhaloota dammaqeef hawwaasa xin-sammun isaa ol kahe horachuu dha.
Oromoon har’as qabsoo godhu keessaatti rakkoo akkanaatu isa mudataa jira. Kaayyoo dhiisee nama dhunfaa jala hiriira. Hanga nama jaallattuf “sensitive” tahee irraa orma ittisu kaayyoo silaa jala dhaabatuuf sana hin tiksu. Nama dhunfaa, keessattuu hoggantoota, qulqulluu godhee yaada. Badii isaan dalagan amanuuf yeroo itti fudhata. Gaafa dammaqu ammoo waa hunduu harkattii babbadee of arga. Jaalalli nama dhunfaaf qaban Jaalala saba guddaa irra caaleetu mul’ata. Kun sirratu qaba. Hoggansi qabsoo akka toora qabatee deemu kan sirreeffatu abbaa qabsoo dha. Abbaan qabsoo ummata. Ummati nama kaayyoo isaaf ifaajjee karaa qajeelummaan isa hogganu jala hiriirutu irraa eegama. Sanatu hogansa jirullee hamilee itti horee warra dogoggore ammoo toratti deebisa.
Kana kan darbee Gandaan, Amantaan, Firummaan wal ijaaranii wal jala deemuun akka Oromootti yoo qabsoo dhore malee furmaata waaraa hin fidu. Oromoon kaayyoo manaa bahee qabsa’aa jiruuf qaba. Kaayyoon sun Walabbuumaa fi Birmadummaa Oromiyaa dha. Bilisummaa Ummata Oromoo dha. Kun ammoo kan milkaahu Hiree ofii ofiin murteeffachuun taha. Hiree kanaaf kan cichee sirna Impaayeera afaan qawween dubbachuu malee hin beekne kana raasaa jiru ammoo Adda Bilisummaa Ormoo qawwee qabuu kan HD ABO Jaal Marroo Dirribaan hogganamuu dha. ABOn qawwee hin qabdee seenaa ummata Oromoo keessatti takkaallee argamee hin beeku. Kaayyoo Seeraa fi Heera Jaarmiyaa ABOn qabatee itti misensoota isaa barsiisaa turellee kan dabsee dha. ABOn sirna Impaayeera Afaan qaawween ijaaramtee afaan qawween diigutti amana. Ijaarsi isaas kanuma. Kana Heera ABO irraa argachuun ni danda’ama. “Tarsiimoon qabsoo bilisummaa Saba Oromoo qabsoo: hidhannoo, siyaasaa, dippilomaasii, diinagdee, aadaa fi fincila diddaa gabrummaa Ummataa walitti qindeessuudhaan gaggeeffama.” Jedha. Kanaan ala qawwee malee ABO dhaabi jedhamu meeshaa daldalaa qofa. Kana Maqaa ABOn jaarmiyaalee bixxilamanii kana dura sochii irra turan danu agaree jirra.
Gabaabumatti Kaayyoo ganamaa qabatee qabsoo Jaarmiyaan Addii Bilisummaa Oromoo ijjeeramee barootaaf ittin qabsaahe sana galmaaan gahuuf wareegama bilisummaan barbaadduu baasaa kan jiru Waraana Bilisummaa Oromoo dha. Ajajaan Ol’aanaa ABO ammoo Hayyuu duree fi itti anaa Hayyu Duree Jaal Marroo Dirribaa fi Jaal Gammachuu Aboyyeen hogganama. Ammatti isaantu karaa haqaaf dhugaa irra jira. Ummati Ormoo kana qajeelchee beekuu qaba. Inni ganu ganee inni boqotu boqotee amma qabsoon karaa xaliilaatti deebitee jirti. Karaan Bilisummaa geessuu afaan qawwee keessa jira. Kun Heera ABOn ittin bulusi. ABOn karaa nagaa qabsaahuf ijaarame hin jiru. Hin jiraatulleeti.
Oromiyaan Biyya!
Hoggansa Hayyu Duree ABO, Jaal Marroo Dirribaa fi I/A Hayyu Duree ABO jaal Gammachuu Abboyee faana egeereen Oromoo ifa!!
DJEMAOL ittin

