Imbaasiin Ingilizii Itoophiyaa jiru lammileen isaanii imala Oromiyaa bakkoota tokko tokkotti taasisan akka dhaaban beeksisan.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Imbaasiin Ingilizii Itoophiyaa jiru lammileen isaanii imala impaayeera Itoophiyaa bakkoota adda addaatti taasisan akka dhaaban ibsa marsariitii dhaabbaticha irratti sadaasa 4, 2022 baasen beeksiiseera. Bakkoota lammileen ingilizii akka hin sochoonef imbaasiin isaanii dhorke keessaa tokko Oromiyaadha. Haala kanaanis Oromiyaa keessaa lixa Shaggar, lixa Wallagaa, Qellem Wallagaa, baha Wallagaa , Horroo Guduruu Wallagaa, Gujii lixaa, fi Gujii bahaatti rakkoo nageenyaa uumamee jiruuf jecha akka hin imala hin taasisne dhorkaniiru. Wal dhibdeen impaayeeritti keessa jiru jabaata fi ariitiin babalachaa waan dhufeef sochii lammileen isaanii Oromiyaa fi impaayerattii bakkoota birootti taasisan daanga’uu akka qabu himuun lammileen saanii of eegannoo fi qajeelfama barbaachisu hordofanii akka socho’an ibsa baasaniin addeessaniru.
