• Tue. May 14th, 2024

Baha Shagar aanaa Boosat keessatti waraanni shororkeessaan PP maanguddoo tokko ajjeesse 

Mar 31, 2023

ONM-ABO Bitootessa 31, 2023

Erga Abiy Ahmed gara aangootti dhufee ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti ajjeeffamuu, hidhamuu, samamuu dabalatee gochii mirga namoomaa sarban raawwatamaa jira.

Waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed ilmaan Oromoo ajjeesuu akka tooftaa waraanaatti kan itti fayyadamu, Baha Shagar aanaa Boosat keessatti maanguddoo tokko ajjeesse. 

Bitootessa 28, 2023 baha Shagar aanaa Boosat ganda Siifaa Raasaatii maanguddoo maqaan isaanii obbo Ida’oo Yaamii kan jedhaman bakkeetti ajjeesanii gatuun maatii fi firoottan isaa reeffa dhorkachuun bakkeetti hambisanii bineensa nyaachisuu jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gochi waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed ilmaan Oromoo ajjeessuun awwaalcha dhorkatee bakkeetti hambisee bineensa nyaachisu kun lixa Oromiyaa fi kibba dabalatee goleewwan Oromiyaa maratti rawwatamaa waan jiruuf Uummanni Oromoo tokkummaan dammaqee sirna nama nyaataa kana ofirraa buqqisuu qaba kan jedhan jiraattota aanaa Boosati.

Godina Arsii lixaa ona Heeban Arsii keessatti Ilmaan Oromoo murtii tokko malee baatii dheeraaf mana hidhaatti dararaa jiru.

ONM-ABO Bitootessa 31, 2023 faashistichi Abiy Ahmad yeroo gara aangootti dhufe, hidhuun dura qoranna, qorannu malee hin hiinu jedhee ture, faallaa isaa ammoo murtii tokko malee namoota nagaa qabee hidhuun baatii lamaa fi Isaa oliif mana hidhaatti dararaa Jira .

Godina Arsii lixaa ona Heeban Arsii ganda Argaddaa shaddoo keessatti namoota nagaa maqaan Isaanii Guutamaa Huseen, Kerboo Amboo, shoonxaa Amboo, Ganamoo Shibbiruu, Gammachuu Quufaa , Tashiitee Nageessoo fi abbaa jaal Imaanaa Sabaa Haajii Shaaquu jedhamu isin degertoota waraana bilisummaa Oromooti, ni nyaachistuu fi ijoollee keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jechuun baatii lamaa oliif mana hidhaa magaalaa Goljootaatti hidhamanii halkanii fi guyyaa gidirfamaa jiru.

Maatiin hidhamtoota kanaas guyyaa gara guyyaatti lafa dheeraa miillaan demanii  deddeebi’anii  dubbisaa waan jiraniif, dadhabbii fi baasii biraaf saaxilamaa jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading