• Wed. Nov 29th, 2023

Maatiin Yukireen namoota sagal qaban Donetsk Raashiyaan dhuunfatte keessatti osoo rafaa jiranii rasaasaan ajjeefamuu CNN gabaase

Nov 1, 2023

ONM-ABO Sadaasa 1, 2023

Akka CNN gabaasa kaleessa qabatee ba’een jedhetti Maatiin ijoollee xixiqqoo lama dabalatee mana isaanii magaalaa baha Yukireen Volnovakha jedhamtu kan Raashiyaan qabamte keessatti rasaasaan rukutamanii   ajjeefamuun Yukireen keessatti aarii guddaa kan uume yoo ta’u, mootummoota lameeniin qorannoof kakaasee jira.

Suuraaleen Waajjira Abbaa Alangaa Naannoo Donetsk Yukireen irraa argame ajjeechaa suukaneessaa miseensonni maatii hedduun siree isaanii irra osoo jiranii rasaasaan rukutaman, harka wal keessa galanii, akkasumas dallaa irratti dhiigni dhangala’e mul’atu agarsiisa.

Yukireen maatiin kun waldhabdee uumameen booda humnoota Raashiyaatiin kan ajjeefaman ta’uu yoo ibsitu, aanga’oonni Raashiyaa ammoo ajjeechaa kanaan walqabatee loltoonni Raashiyaa lama to’annoo jala ooluu isaanii himan.

Volnovakhaan baatii tokko dura Moskoon gara jabinaan ollaa ishee irratti weerara raawwatte hordofuun Amajjii bara 2022 irraa eegalee humnoota Raashiyaan qabamtee jirti.

Waajjirri Abbaa Alangaa Yukireen Naannoo Donetsk jalqaba baatii kanaa namoonni hidhatanii “uffata waraanaa uffatan maatii achi jiraataniin mana isaanii tajaajila kutaa waraana Raashiyaa keessummeessuuf akka gadhiisan gaafataniiru” jedheera.

Abbaan qabeenyaa mana kanaa yeroo didu, “warri haleellaa raawwatan miseensota maatii isaa jeequmsa qaamaatiin doorsisanii ba’aniiru,” jechuun waajjirri kun odeeffannoo jalqabaa irratti hundaa’uun  kaleessa ibseera.

Guyyoota booda namoonni qawwee qaban deebi’anii “miseensota maatii sagal, yeroo sanatti rafaa turan hunda rasaasaan rukutaniiru,” jedha waajjirri abbaa alangaa Yukireen.  ”Seeraa fi aadaa waraanaa cabsuudhaan gocha raawwate kanaaf  falmii yakkaa irratti qorannoon dhaddacha duraa jalqabameera,” jedha.

Shakkamtoonni adda baafaman “hojjetoota waraanaa Raashiyaa Baha Fagoo irraa kontiraataan tajaajilan” ta’uu Koreen Qorannoo Federeeshinii Rippaabilika Raashiyaa Uummata Doonetsk jedhamtu ibsa kenneen ibseera.

”Shakkamtoonni kunneen ukkaamfamanii gara kutaa qorannootti geeffamanii, tarkaanfiiwwan qorannoo fi hojimaataa haala taatee kanaa hunda hundeessuuf kaayyeffate, akkasumas bu’uura ragaa walitti qabuun isaan waliin raawwatamaa jira,” jedha koreen kun.

Ji’a kana keessa humnoonni Yukireen haleellaa Raashiyaan baha Yukireen irratti haaromsite dura yoo dhaabbatan, humnoonni Moskoo garuu naannoo mana jireenyaa  rukutaniiru. Yukireenis lammiileen nagaa, keessumaa daa’imman naannoo sarara fuulduraa bahaa fi kibbaatti dhihoo jiran dirqamaan akka baafaman ajajjee jiraachuu gabaasni CNN ni ibsa.

Oduu lola Israa’elii fi Hamaasiin wal qabateen ammoo Uummanni Gaazaa guutuun “namummaan isaanii xiqqeeffame jira,” jechuun hogganaan dhaabbata guddaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii achitti hojii hojjechaa jiru kaleessaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti himaniiru.

Sababiin isaas dhiibbaan naannoo marfame kana irratti akka cimu kan taasise Muummichi Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun dhukaasa dhaabuu dhorkuu fi kun yeroo waraanaati jechuu isaanii akka ta’e ibsaniiru.

Komishinarri waliigalaa Eejensii Gargaarsaa fi Hojii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNRWA) Filippe Laazaariiniin Mana Maree Nageenyaaf akka himanitti, torban sadan darban keessa haleellaa xiyyaaraa Israa’el Gaazaatti raawwateen daa’imman kumaatamaan lakkaa’aman ajjeefaman “ Wabii miidhaa ta’uu hin danda’an jechuun  gargaarsa namoomaaf waliigalteen dhukaasa dhaabu akka taasifamu gaafachuu CNN gabaasee jira.

Leave a Reply