• Sun. Apr 26th, 2026

Baqattootni Oromoo biyya Soomilaand rakkoo hamaa keessa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Nov 5, 2023

ONM-ABO Sadaasa 4, 2023

Oromiyaa taadhii fi badhaatuu haala rakkoo siyaasaa fi sirnichi dinagdeen duubatti isaan hambisuu irraan kan ka’e jireenya fooyya’aa barbaaduuf biyyoota adda addaatti baqatan keessaayyuu, gaanfa Afrikaa, kaaba Afrikaa fi baha giddu galeessatti miidhaan jireenyaa fi lubbuu irra ga’aa jira.

Biyyuma mootummaa giddu galeessaa hin qabne Soomaaliyaa kutaalee bulchiinsa naannoolee garaagaraa keessattis lafa hojii irraa qabuun hanga mana dhuunfaa sakattaa’anii saamuu fi biyyaa baasuu irratti raawwatu. Kamisa dheengaddaa Sadaasa 2/2023 ilmaan Oromoo lama poolisoota motummaa Somaliland to’ataman. Namootni qabaman kunis hanga ammaatti eessa akka geeffaman beekuu hin dandeenye.

Akka media’n biyyattii BC24TV gabaasetti dhaabbaanii basaasa biyyaalessa Somaliland Namoota hojii basaasummaa hojachaa jiran to’achuu gabasee turee. Haa ta’u malee dhugaan jirtu ilmaan Oromoo guyyaa dheengaddaa qabaman namoota kophee qulqulesaanii jiraatan ta’uu namootni achi irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading