• Tue. May 5th, 2026

Lixa Wallaggaa magaalaa Ganjii keessatti hidhaan namoota irratti hammaachuu maddeen magaalichaa himan

Jan 10, 2024

ONM- ABO Amajjii 10, 2024

Rakkoon murni bilxiginnaa namoota nagaa irratti raawwatu guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa dhufuun namoota nagaa maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti, akkasuma ilmaan keessantu keessa jira, maqaa jedhuun hiraarsaa Jiraachuu maddeen himan.

Torbaanoota darban irraa kaasuun addatti rakkoo hamtuu keessummeessaa kan jiran jiraattotni magaalichaa namoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan hojjettoota buufata fayyaa aanichaa keessa hojjetan, akkasuma namoota hojii daldalaa irratti bobbaa’anii jiraatan irratti gochoonni hanga hidhaa reebichaa gar malee raawwataa jiras jedhan.

Akkasuma namoota tokko tokko irratti ammoo kaabinoota hidhattoota sirnichaan doorsisni waan akkasii gochuu qabdu, yeroo itti isin waamnetti daftanii argamuu qabdu maqaa jedhuun jiraattota yaaddoo hamaa keessa galchanii jiraachuus himu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading