ONM- ABO Waxabajjii 2, 2024
Hidhaa akka meeshaa waraanaatti fudhatee hojjechaa kan jiru mataan murna bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti uummata meesha maleessa qe’eetti itti dhaquun afaan qawween sodaachisanii qabeenyaa isaanii saamuu, maqaa ilma keessantu miseensa WBO ta’uun sirna keenya diigaa jira jedhuun haadholii fi maanguddoota dadhaboo ta’an gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun hiree isaanii qe’ee irraa buqqisuu fi mana hidhaa taasisanii jiru.
Akkuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Yaatuu keessatti dheengadda Caamsaa 31, 2024 galgala toora sa’a 2:00’tti waraanni sirnichaa qe’ee maatii qabsaa’otaa deemuun ilmaan keessan bosona jiran fidaa jechuun namoota maqaan isaanii Obbo Heedar Hasan Wakkoo fi Sheek Mohaammed Aliyyii “jedhaman qabuun magaalaa Sambateetti hidhanii jiraachuun barame.
Maanguddoota hidhaman kana torbee darbe milishoonni fi waraanni maafi’aa PP kun waliin ta’uun gandatti itti dhaqanii sababa ilmaan isaanii bosona jiraniif adabbii keessan hoolaa lama lama qalaa jechuun namoota 2 irraa hoolota 4 dirqiin qalatanii kan nyaatan yoo ta’u, yeroo ammaas ilmaan keessan waraana bilisummaa Oromoo keessa jiran fiddanii maaliif hin galchitan ittiin jechuun qabanii hidhuu isaanii jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Godinichuma magaalaa Sambatee fi Jiillee Dhummuuggaa keessatti milishootaa fi waraana faashistii PP kanaan dhiittaan mirgoota namoomaa jiraattota irratti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, qe’ee irra deemuu fi bakka namoonni gabaa ba’anitti bilbila irraa guuruun yoo isin WBO qunnamaa jiraattan bilbila keessan ilaalla jechuun irraa gurraachaa jiraachuu dabaluun himan. Namoota hedduudhaanis lakkoofsa WBO keessatti agarre jechuun maqaa sobaa itti maxxansanii reebicha irratti raawwachuun bilbila namootaas irraa fudhachaa jiraachuu isaanii dabaluun addeessaniiru.




