Marsaa jalqabaa Bobbaa Irbuu Shinniggaatiin, goototni Waraana Bilisummaa Oromoo waraana faashistii Abiy Ahmed kumaatamaan hogganoota isaanii waliin, Koloneelota Raayyaa Ittisa Biyyaa afur dabalatee, hojiii ala taasisanii jiru.
Meeshaleen akka AKM, PKM, Sniper, M14 fi F1 bombs, kumaatamaan booji`amaniiru. Rasaasni kumoota kudhaniin laakkaahamus guyyoota muraasa darban keessatti qofa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii tahee jira. Konkolaattonni waraana dhiyeessii waraana fashiistii qindeessan kan akka Oraalii (Urals), fi 3F Patrol kudhanootaan lakkaahaman bobbaa waraana fashistiii akka qindeessuu hin dandeenyetti hojii ala taasifamaniiru.
Milkaa inni Bobbaa Irbuu Shinniggaa marsaa jalqabaa kun olola diinaa kan ji`oota darbanii qullaa dhaabuu irra darbee gola hoggana Raayyaa Ittisa Biyyaa Abiy keessatti wal dura dhaabannaa uumaa jira. Hoggansi siyaasaa fi waraanaa Abiy, Birhanuu Juulaa dabalatee, gara lixa Oromiyaatti imaluun hoggana waraanaa isaanii (jeneraalota dabalatee) qorachaa jiru. Bobbaan Irbuu Shinniggaa itti fufa.
#Oromia #Ethiopia
