• Wed. Apr 1st, 2026

Haasaa Ajajaa Olaanaa Jaarmayaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa – Duula Irbuu Shinniggaa Irratti Taasisan 

Jun 22, 2024

 Waan qabsoo wanti isin quba hin qabne hin jiru uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa hunduu itti dhiyeenyaan hordoftu wanti adeemaa jiru waan haaraa miti nama waa’ee qabsoo keessatti quuqama qabuufi wareegama itti kaffalaa jiru hundumaaf. 

Egaa yeroo darbe kana wanti adeemaa ture isinuu ni beektu waraanni bilisummaa Oromoo nagaaf jecha rakkoon Oromoo karaa nagaa hiikoo argatee osoo rasaasa hin dhukaasnee Oromoofi Oromiyaan waan isaanii maluu fi uummanni Oromoo waan barbaadu argachuun ni danda’ama jennee nagaaf bakka laannee waa hojjanne, haguma nagaaf bakka laannee ammoo albaadhessi akka itti waa laalu waan qabuuf wanti sun sodaa itti fakkaatees haa ta’uu ykn ammoo waraanni bilisummaa Oromoo akeekaafi kaayyoo isa qawwee  kaasisee abbootiin keenya kumni kitilli itti kufe kan ganamaa san waan dagate itti fakkaachuu ta’uus hin beeknuu gaafa wanti sun silaa Oromoon waan  barbaadu hubatamee yoo danda’ame marsaan biraallee itti haa fufamu uummanni kun baay’ee rakkate keessumaa bara ilmaan Oromoo afaan oromoo dubbatan barcuma aangoo siyaasaa harkaa  qabu jedhamu kanatti duuti takkaa impaayerattii keessatti mudatee hin beekne mudataa jiru kun dhaabbachuu qaba jedhuun amannee amantaa qofaa miti, wanti sun murannoo nama gaafata kana hundumaa goonee marsaan itti aanu itti fufee wanti kun xumura argachuu qaba gadadoon ummataa kun.  

Akkataa kanaan Oromoo bakka buutanii aangoo siyaasaa qabattanii masaraa mootummaa kaleessa alagaan Oromoo gabroomse keessa teessanii yeroo jirtanitti haalli qaanessaan akkasii karaa keessan uummata Oromoorra ga’uun dhaabbachuu qaba, biyyattii san keessatti haala mootummaan itti jiru kana akkaataa kanaani gara  biyyaatti deebi’anii waliin hojjachuunuu waan salphaa waan hin turreef kana hunda shallaga keessa galchuun Oromoorraa gidiraa, du’a, hidhaa fi ajjeechaa irraa dhaabna jennaan ta’uu dide. Haalli ta’uu diduu sun akkuma duraan jenne albaadhessi akka itti waa laalu waan qabuuf duula guddaa waraana takkumaa godhee hin beeknee fi meeshaa guddaa takkaa fayyadamee hin beekne guutuu Oromiyaatti waan nagaa booressu waan kutannoo fi murannoo nuti nagaaf qabnu fashalsu, waan gara duraattillee ulaan nagaa tasuma akka hin jiraanne taasise duula akkasii gaggeesse. Duula kana cinaatti ammoo olola guddaa waraanni bilisummaa Oromoo gonkumaa tasuma hin jiru jedhamutti akka bittinnaa’eefi caccabe booji’amee harka kennate sanarratti duulli isaanii xumura argatee wanti adeemaa jiru waraana baqatee jiru funaanuu akka ta’e qaamni mootummaa gubbaa hanga jalaatti ololli miidiyaa guddaan waraana bilisummaa Oromoorratti deemaa ture. 

Nuti akka waraanaatti akka dhaabaatti waan hojjannu beekna yoom, eessattii fi akkamitti akka hojjannus ni beekna. Sabni keenya waan barbaadu akka argachuu qabus  ni beekna. Daandiin dheeraafi dadhabsiisaan wareegama ulfaataa gafatu yoo osoo achin ga’amin mootummaan kun qalbii godhatee bulguu ta’ee dhiiga namaa soorachuu dhiisee namummaatti deebi’ee waan Oromoof malu  osoo hin sharafamin kenne, kaleessas marsaa hedduuf dantaan Oromoo waan sharafameef didne, boris ulaan nagaa jira taanaan hin sodaannu, xiqquma dantaan Oromoo irraa hir’annaan ammas hin barbaannu. 

Haala akkasiin duula nurratti gaggeeffame keessatti waan hojjannu waan beeknuuf ammoo yeroof mariif deemneellee mootummaa kanarraa abdii waan hin qabneef, garuu nageenyaaf iddoon nuti qabnu guddaa waan ta’eef san ammoo hundatti argisisuuf deemne waan ta’eef  duulli jedhameefi ololli ta’es facaatii, booji’amuu, harka kennachuufi guutummaan guutuutti baduun waraana bilisummaa Oromoorratti ololamaa ture miidiyaa gubbaattii malee takkallee lafarratti dhugaa akka hin taane  beeksisuuf yeroo ofii keenyaa barbaadnetti sagantaafi karoora mataa keenyaan  guutummaa Oromiyaatti lola duula ‘Irbuu shinniggaa’ labsuun barbaachise. 

Yeroo hin jirtu siin jedhamu jirra jechuuf kumaatamaan baroodda!. 

Sana argisiise duulli irbuu shinniggaa. Duulli irbuu shinniggaa akeeka lama qaba:

  1. Waraanni bilisummaa Oromoo cimina keessoo gadi dhaabbataafi raafama tokko malee akka yeroo barbaadamutti sochoo’uu danda’u agarsiisa. 
  2. Akkuma kaleessa hoggantoonni ABO shinniggaatti amantiin wal qooduu dhiisanii boolla tokkotti tokkummaa Oromoo jabeessuuf waliin dhuman san (egaa midhaan tokko gaafa bakkatti tortoree biqilee ilmoo biraa dhala) nutis gootota sanirraa waan dhalanneef irbuu goototaa san hojiitti hiikna tokkummmaan. Rakkoofi daddaaqama, burjaajjii keessoo keenya jiru guutummaan guutuutti furannee qophii tokkoon guutuu Oomiyaa keessatti maqaa dhaaba Adda Bilisuumm Oromoofi Irbuu gootota saniin haaromsuu keenyas ibsa. 

Haala kana keessattis akkuma isin odeeffannoo argachaa jirtan karaa arraata biyyoolessa oromiyaafi miidiyaalee dhaabichaa hundaan beeksifamu wanti argamaa jiru injifannoodha. Waraanni bilisummaa Oromoo waraana keessoon isaa cimaafi yeroo barbaadametti dirqama itti kenname fudhatee bakka barbaadametti loluu danda’u ta’uufi kaayyoo galmaan ga’uu danda’u ta’uu argisiisa lolli keenya. Injifannoo guddaa meeshaafi qabeenya guddaa diinarraa buufanne. Duulli gaggeessine ammas hin dhaabbannee itti fufa, duulichi  haga qaba yeroo itti dhaabbatus qaba galma qiyyaafannee deemaa jirrutu jira waan ta’eef hanga galii san ga’utti itti fufa. Guutummaatti lolli dhaabbata osoon taanee duulli irbuu shinniggaa  hanga qaba guyyaa hanga murtaa’e qofaaf deema. 

Egaa waraanni bilisummaa Oromoo waraana keessoon isaa ititaa fi cimaa guutummaa Oromiyaa keessatti yeroo barbaadame irree tokkoon lolee tarkaanfii barbaadamu akka fudhatu kan agarsiise duula akkasiiti. Duulli kun akkuma dhaga’amaa jiru guutummaa dirree Oromiyaarratti injifannoo galmeessaa jira. Uummata Oromoo olola diinaatiin burjaaja’aa tureefi abdii kutatee ‘dhuguma waraanni bilisummaa Oromoo sadarkaa dirree Oromiyaarratti falmachuu dadhaberra jiramoo?’ jedhellee deebi’ee mataa ol qabate. Haala kana keessatti hongattoonni ABO-WBO zoonii saddeettan Oromiyaa keessatti qondaalotaa fi loltuu gosa addaa addaa leenjisee bobbaasuun haalaa ititee adeemaa jirutu jira. Kana duulli irbuu shinniggaa. 

Nuti ofii keenyaa wal dhabuurra warra wal nu dhabsiisu of biraa dhaabnee, utu waliin ba’e, nutu waliin madaa’a, nutu waliin hiree fi egeree tokko qaba akkasuma Oromiyaa bocuutti jira waan ta’eef haala kana keessatti uummanni Oromoo inni keessaa silaa keessuma jira qabsoo kana keessatti haga battala qabatee lolee wareegamuutti jira, kan ala jiraate ammoo hiree wareegamaa kaffaluu hin dandeenyemmoo bakkuma jirtanitti olola diinaatiif osoo gurra hin laatiin akeekaafi kaayyootti cichitanii qabsoo Oromoo keessatti isinis hireefi qooda itti qabdan. 

Mirgaafi dirqama itti qabdan beektanii gufuufu gufaata hundaaf osoo hin jilbeenfatiin warra wal nu dhabsiisu deemuun nuti isaaniin wal dhabuu hin feenu jettanii itti cichitanii ‘akeekaafi kaayyoon keessan nuuf ta’a’ jettanii ejjannoo qabaattanii waan hundarra tarkaanfattanii warri nu waliin deemaa jirtan silattuu namni galata waliif kennu hin jiru, galanni keenyi lafee cabnee dhiiga cobsuun lubbuu dhabnee yoo milkaa’e milkaa’e bilisummaa saba Oromoo nama argetu galanni isaa sana garuu namni haala akkasii keessatti olola diinniifi firri, beekaafi wallaalaanis afaan namatti haxaa’atu keessatti hundumaa dandeessanii nu bira dhuftan waan ta’eef ulfaadhaa. 

Nuti waan barbaannuufi akka itti argannus beekna. Eenyu waliin deemuu qabnaafi eenyu waliin deemuu hin qabnuus beekna garuu uummanni Oromoo kan diida jiru, egaa seenaan waan baay’ee hima keessumattuu barri kun bara teeknooloojiiti barri teeknooloojii ammoo waan hundaa waraabbatee lafa kaa’u keessatti namni barbaade fuula miidiyaa bal’ifatee taa’ee waa’ee ABO-WBO yeroo laga marqaa jedhan sana godhee hunduu boojjitoo tolfatee waan baay’ee tolchu ni dhageenya jechuudha. Kun seenaaf galmaa’ee taa’a malee ejjannoo waraana bilisummaa Oromoo jijjiiru tokkon qabu garuu hamilee namoota gariitti bu’uu danda’a. 

Haala kana keessatti cichitanii dhaabbattanii ejjannoo dhaabbataa hin jijjiiramneefi hin daddaaqamne qabaattanii WBO irraa abdii qabaachuun gaaffiin Oromoo karaa kamiinuu haa ta’uu WBOn osoo hin sharafin galmaan ga’uu akka danda’u abdattanii dhaabbattan waan ta’eef ittin qaanoftan jechuudha. Hundi keenya galata walirraa barbaadnee osoon taanee dirqama keenya ba’aa jirra waan taateef galanni hunda keenyaa ammoo bilisummaa sabaati. 

Impaayerri itoophiyaa waggaa 160 oliif birookraasii baay’ee wal xaxaa ta’een of ijaarte halkan tokkotti diigamuu hin dandeessu. Sadarkaa ittiin diigamuu danda’uufi Oromoof ammoo waan malu argamsiisuun diigamuu danda’utti ammoo daandii sirriirra jirra kana ammoo dhibbaaf dhibba ittin amana. Daandii isa siirrii kana, daandii dantaa Oromoo hin sharafneefi Oomoon waan isaaf malu ittiin argachuu danda’u kana galmaan geenya ykn itti wareegamna. Jireenya qananiifi sadoo dhuunfaaf namni manaa ba’e hin jiru. Sana ammoo maatiin isaa kan isa dadhabu hin jiru ykn namni of dadhabu hin hin jiru. Kanaafuu gaaffii Oromoofi roorroo Oromoorra jirutu manaa nu baase. Kana galiin ga’uuf hojjanna galmaan ga’uu yoo dadhabne ammoo itti wareegamuuf shakkii hin qabnu. Haala kana keessatti egaa haala kamuu keessatti burjaaja’uufi of duuba deebiin hin jiru. Maal akka hojjannu lafarratti nutu beeka waan ta’eef galmaan geenya shakkii hin qabnu. 

“Namni bishaan nyaate oomacha qabata” jetti Oromoon kanaafuu isin olola miidiyaa hin dhaggeeffatinaa. Hanguma nuti diina kokkee qabneen olola baay’isu ta’uu beekuu qabdu. Nutis ni beekna maal akka gochaa jirru. Impaayera bututaa dhufte waggaa 160 kan of ijaarte waggaa shan keessatti waan butuchinetu jiraa jechuudha. Waggaa hangana jedhee isinitti hin himu garuu waggaa hanganaa keessatti kana goona kan jenne dhibbaa dhibbatti akka gaariiitti nuuf adeemaa jira. Olloonni biyya Oromiyaa koloneeffatan Oromoof akkamitti yaadu?, maal maal karoorsan?, impaayerattii keessatti maaltu akka ta’u barbaadu?, dhaloonni isa kana bareecheetu beeka. 

Fuulduree keenya shallagaati deemna callisnee abidda harkaan hin qabannu. Akka kaleessaatti filannoo 1ffaa, 2ffaafi 3ffaa osoo hin qabaatin hin sochoonu dhaloota akkasiitu dirree Oromiyaa keessa jira waan ta’ef yaada bilisaa dubbatee amansiisuufi waan isa hin ilaallanne keessaa dafee harka fudhachuu beekuufi yoo bareede kan irraa bareedu yoo ganda gandaan wal ciree dhaabbate rakkoo itti dhufu waan beekuuf waan kana hunda herreggachuu danda’u dhaloota akkasiiti waan ta’eef bubbeen kamuu gara kamiillee dhufu isan raasu. 

Dhaloota akkasii har’a harkaa qaba waan ta’eef Oromoon itti qaana’uu hin qabu ittiin boonuu qaba. lmpaayera dinagdeefi siyaasaan bututee kufuuf deemuufi ofii isaatiifuu wal shakkee qawween deebi’ee wal tiksaa jiru kana waan irratti hojjanneefi maal immoo keessatti hojjanne hangamtu nu hafaa isa jedhus ni beekna kanaaf abdii nurra kaawwadhaa.  

Yeroo walitti dhuftanii waraana bilisummaa Oromoo deeggaruuf jettan deeggarsa meeshaa qofaa hin ilaalinaa. Oromoo taatanii dantaa Oromootiif walitti qabamuunuu deeggarsa. Waraanas bifa kanaan hammachuu yaalaa maallaqa qofaa deeggarsa gochuu hin yaalinaa! Har’a yoo ilaaltan waraanni bilisummaa Oromoo zoonii hundaa kun kuma kurnootaan lakkaa’amu fiingee tokkoon wal dhaga’ee waliin sochoo’a. 

Baajata mataa ofiillee ni qaba. Kan isin achii gargaarsa nuuf gootan ammoo sabboonummaa isiniif dabala, dafqa isinirraa cophee biyya ormaa keessatti osoo biyya keessan yaaddanii waan argattanirraa osoo hir’ina qabaattanii hir’uu keessanirraa nuuf laattan qabsoo kanarratti abbummaa isiniif kennaa jechuudha. Waraanni bilisummaa Oromoo kanaa olitti guddata. Isinins guddisuu keessatti waa gumaachitaniittu. 

kanaafuu yeroo walitti dhuftan sababa duula tokkoo ykn sababa deeggarsaa qofaa ta’uu hin qabu. Sababni walitti dhufnuuf gabrummaatu nurra jira waan ta’eef hiree keenya barbaaddannee gabrummaa ofirraa kaasuuf xiiqiffannee walitti dhufuu qabna. Kanaafuu duula irbuu shinniggaa keessaa qooda qabaachuu qabna, isin waliin dhaabbanna jettanii meeshaa ykn waan mul’ataa ta’e gumaachuu qabna jettanii qofaa osoo hin taanee hundee qabsoo Oromoofi akeekaafi kaayyoon keessan nuuf ta’a isin amanna jettanii ta’uu qaba. Kanaafuu hawaasa hammachuu isa jallaafi wallaalaa akkasuma isa dallanellee akeeka qabsoo Oromootti amana yoo ta’e walabummaa Oromiyaafi birmadummaa biyyaatti amana yoo ta’e haga fedhe haa ta’u garaa bal’adhaa ofitti qabaa. 

Akkuma keessoon waraana bilisummaa Oromoo ititee guutuu Oromiyaarratti fiingee tokkoon ajajamee wal dhaga’ee sochoo’aa jiru guutuu addunyaatti Oromoo faca’ee jirus hammachuuf tattaafadhaa. Isa xannacha ta’e ammoo xannachi hin dhiigu foonis hin ta’u waan ta’eef isa yeeyyii ta’ee gogaa hoolaa uffatee nu keessa seenuu barbaadu ammoo yoomiyyuu gateettiin qabsoo bilisummaa Oromoo isa baachuu hin dandeessu inni rirmee dhaaba keessaati, facaastuu tokkummaati isa akkasii irratti of kitimaa. 

Ololee, dhiigaafi lafeerraa daldalee buluu kan barbaadu dhiigaan Oromoo ta’uu danda’aa, dhiigaan Oromoo ta’anii Oromummaa qabaachuun  ammoo wal adda waan ta’eef asirratti cichaa dhaabbadhaa eegaa ofirraa. Isa amala badaa xiqqaa xiqqaa qabu garaa bal’attee ofitti qabuu dandeessa garuu isa rimmee dhaaba keessaa ta’ee nu horfuu barbaadu saaxiluufi ofirraa eegaa deemuun dirqama. Warri akkasii  yeeyyii gogaa hoolaa uffatee qabsoo Oromoo keessa seenuu barbaadu. Namni hedduun as keessa jiru baay’een isaa of himuu kan hin barbaadne, ba’aa hedduu ofirratti baadhatee kan deemuufi hir’inni nuti dirreerratti qabnu akkan saaxilamne qaawwa keenya duuchuu kan barbaadu baay’een isaa waan himamuu hin danda’amne ofirratti fudhatee kan dhoksee hojjatuudha. 

Isa haalala taa’ee akka qilleensaafi bubbee bubbisu ammoo iddoo bubbisutti waan nama fayyadu jiraachuu danda’a dubbisaa ofitti qabaa garuu isa rimmee dhaaba keessaa ta’e yoomiyyuu saaxilaa ofirraa eegaa, itti duulaa. 

Dirreen qabsoo dirree waloofi dirree wal ta’iinsaan fiingee tokkoon sochoo’amu waan ta’eef irbuu shinniggaa inni abbootiin keenya cichoominaan nu barsiisan kan deebi’ee itti haaromeedha. Duulli keenya duula injifannoofi milkii qabuudha. Qaama sagantaa adeemsa qabsoo hangana ga’u qaba Oromoon jennee karoorfanne keessaa tokko. 

Kaanis yeroo irraa yerootti sadarkaa isaa eegee ni dhufa. Baay’inni duula keenya kan ammaammoo gaammoojjii Oromiyaa keessatti miti. naannoo warra handhuura nu ciniinee handhuura Oromiyaatti dhiyaateeti. Inni kana boodaa hedduun isaas garuma kanatti ta’a. Hangi har’a duulaa, lolaa, lafee cabsaa, dhiiga cobsaa jirru dabaree isaa gammoojjiifi baadiyyaa Oromiyaa keessaa xumuratee jira. Inni kuunnooti jedhanii fageenyatti ilaalan kunooti jedhanii of biratti arguun dirqama waan ta’eef kana ta’uu qaba. 

Duulli keenya inni itti aanu baay’inaan bakka itti handhuura ciniinamne handhuurarraa bakka itti silmii san ofirraa buqqisuu dandeenyu finfinneetti ta’a jechuudha. kanaaf waraanni bilisummaa Oromoo qarqara daangaa, daangaarra hin jiru. 

Warri akka Birhaanuu Juulaa faan ‘dhoofnee baadiyyaa keessaa baasneerra’ jedhu. eeyyeen baadiyyaa keessaa baanee bira dabarree amma teessoo isaanii bira geenyee jirra. 

Birgeediin hedduun har’a riphisee akka abiddaatti dibamee finfinnee jala jira. Hin jiru baadiyyaa keessa. Baadiyyaa wallaggaa fi Gujii bakka hunda keessa kan jiru isa haaraa leenji’ee amma dhukaasa shaakalaa jiru qofa. Inni gurguddaan akka abiddaatti dibamee taa’u achii buqqaanaan kan hiree namaa nyaatu riphee jira. Karri shanan finfinnee kan waraana bilisummaa Oromootiin hin marfamin hin jirtu. Gaafa dhohe bobaa bulguu jalaa ka’a. 

Uummanni Oromoo kana beeka. Yeroo qaamni mootummaa gubbaa hanga jalaa ba’ee ofirratti diddigu uummanni Oromoo ni kofla. Kanaaf ammoo har’a itti du’aa jira. Bari’uu yoo geesse dukkanti waan hammaattuuf, kanaafuu mallattoon dukkanti badee bariin dhufuu kan alaabaa Oromoorra jirtu sun akka ibsu barii bilisummaarra geenyee jirra.  Mootummaan kanaan dura waan inni itti hirkatee turetu jira. Har’a caasaan biyyattii hunduu hojii dhaabee mootummaan humna waraanaa qofarratti hirkatee jira. Humna waraanaa inni itti hirkatee jiru san ammoo waraanuma san keessaan seennee horfinee muka yoo halaalaa ilaalan  rimmeen keessoo isaa nyaattee fixxee yoo xiqquma qaban kufu goonee jirra. 

Amma sadarkaa bara dargii jaarrolee gandaa bakka gabaafi oolmaa hundaa qabee humnaan waraanni guururra ga’ee jira mootummaan kun. Dargaggoota bakka inni jimaa qaamuufi bakkee bashannanaa, bakkee puulii taphatan  irraa silattuu hojiin qabu, barnoonni hin jiru haala akkasiitiin carraan jiru mootummaan kun namoota qaama miidhamaallee osoo hin hafin waraana godhachuutti seenee jira. Walakkaan waraana sanii garuu waraana keenya ta’uun diina gobaa jiru. 

Amma haala kana keessatti asitti xumura itti gochuuf deemna anatu isiniin jedhee abdii nurra kaawwadhaa, kanaa ol yeroo isinirraa fudhachuun barbaaduu naagaa naaf ta’aa!” 

2 thoughts on “Haasaa Ajajaa Olaanaa Jaarmayaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa – Duula Irbuu Shinniggaa Irratti Taasisan ”

Leave a Reply to @QBO2022Cancel reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading