• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti hidhaan hawaasa nagaa irratti akkaan jabaatee jira

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 6, 2024

Murni bilxiginnaa akkuma amala isaanii hawaasa Oromoo  dararuu aadeffatanitti goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa gara mana hidhaatti guuraa jiraachuun beekamee jira.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti hidhaan akkaan jabaatee itti fufee jira.

Hagayya 3, 2024 aanaa Guduruu ganda Illaammuu Xaraqoo jedhamu keessaa namootni maqaan isaanii Obbo Jabeessaa Amanuu fi Aadde Jomoree jedhaman “degartoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun badii tokko malee waajjira poolisii aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa keessatti argamutti hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa eeranii jiru.

Aanichatti namoonni danuun maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun garmalee dararamaa jiraachuu maddeen Arrataa Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading