ONM-ABO Eebla 15, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu ganda Reef Guddannee keessaa loltootni Bilxiginnaa uummata nagaa uukkaamsuun yakka tokko malee Waajjira Poolisii aanichaa magaalaa Gabateetti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni himanitti, namoota tuttuqqaa siyaasaa hin qabnee fi hawaasa keessa jiraatan keessatti jaalalaa fi kabaja qaban kanneen maqaan isaanii:
- Abdiisaa Abbasuu,
- Geetaachoo Iddoosaa,
- Mirreessaa Fiixee,
- Biqilaa Lachiisaa
jedhaman “Milishummaa leenji’uu qabdu isin deggartoota WBOtis” jechuun afaan qawween dirqisiisanii ukkaamsuun reebicha ulfaataa qaama laaleessu irratti raawwachuun hanga gabaasni kun qindaa’etti torban lamaa oliif waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.
Murni Bilxiginnaa namoota hawaasa keessa jiraatan keessatti sabboonummaa qaban akkasumas jalalaa fi fudhatamummaa qaban irratti yakkoota garaagaraa raawwachuun uummata kaan immoo uukkaamsuun doorsisee bulchuu akka tarsiimootti fayyadamuun, loltoota isaatti qawwee hidhee bobbaasuun golee Oromiyaa cufa keessatti irraa deddeebbiin yakkoota garaagaraa raawwachiisaa jiraachuun ni beekama.







