
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zooniilee Kibbaafi Kaaba Oromiyaa keessa socho’u, tarkaanfii diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse.
(ABO-ONM Bitootessaa11,2022)
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa, Godina gujii lixaa Aanaa surroo barguddaa Ganda waleenaa bokossaa keessatti maandhee diinaa buqqisuun Waajjira PP, moonaa tiksitoonni impaayera itoophiyaa keessatti wal ga’uun Oromoofi Oromiyaa irratti shira xaxan ibidda itti naquun daaraa tolchee jira.
Gootichi waraana bilisummaa oromoo WBO n zoonii kibbaa konyaa gujii lixaa cibraan Madda Albuudaa diina reebee ari’uun uummanni naannichaa ba’uun waajjiraafi qabeenya PP gubuun aariifi jibbinsa irraa qabu ifatti mul’ifateera.
Bifuma wal fakkaatuun gootichii Waraana bilisummaa oromoo zoonii kaaba oromiyaa godina walloo kamisee Aanaa daawwee harawwaatti tarkaanfii laalessaa fudhachaa ooleen hedduu ijjeessee hedduu madeessu ibse.