• Mon. Mar 27th, 2023

ODUU INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII BAHAA

Mar 26, 2022

ODUU INJIFANNOO WBO ZOONII KIBBAA KONYAA GUJII BAHAA

(Bitootessa 26, 2022 ONM ABO)

Abdiifi wonteen ummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii bahaa keessa socho’u, cibraan Odaa Adoolaafi cibraan Soddom Booroo woliin tahuudhaan aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Harqalloofi nageellee giddutti iddoo addaa kiliw’ee jedhamuttii woraana pp kan godinaafi aanaa Gooroo Doolaa irraa wol guuree dhufe irratti tarkaanfii cimaa ganama sa’aati 2:00 irraa jalqabee hanga sa’aatii 7:30 tti gaggeesseen loltuu pp 18 battalatti yoo ajjeesu, 24 ol madeessuun gargar facaasee jira.

Gama biraatiin, guyyaama kana cibraan Odaa Adoolaa aanaa waadaraa ganda daraaraafi gudubaa giddutti tarkaanfii cimtuu woraana pp irratti fudhateen loltuu pp 5 battalatti ajjeesuun 7 madeessee ari’uudhaan bakka isiin irraa dhuftetti galchee jira.

Leave a Reply