• Thu. Dec 4th, 2025

๐— ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜๐˜‚ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ผ๐—ผ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐——๐—ฒ๐—ฒ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ? ๐—™๐˜‚๐—ฟ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—œ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—›๐—ผ๐—ผ? – (Qilxuu Jiloo)

Sep 3, 2022

๐— ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜๐˜‚ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ผ๐—ผ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐——๐—ฒ๐—ฒ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ? ๐—™๐˜‚๐—ฟ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—œ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—›๐—ผ๐—ผ?

(๐๐ข๐ฅ๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐‰๐ข๐ฅ๐จ๐จ tiin)

Hubachiisa! Barruun kun bu’aa ba’ii mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan dhiheenya kanaa irratti xiyyeeffata. Yaadni ani kaasu nama biroo bakka kan hin buunee fi hangan deemsicha irratti hubannaa qabun ibsuu yaale. Itti dhihaadhaa!!

Waggoottan afran darbaniif burjaajiin heedduun namoota sammuun xiqqoo, qaro-dhabeeyyii fi ejjennoo jabaataa hin qabneen mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo burjaajiif saaxilameera. Haa ta’u garuu burjaajiin dhalatus, mooraan Qabsoo kufaatii fi raawwatee baduu irraa murattoota, qaro-qabeeyyii, kanneen sammuun bal’isee yaaduu fi waan deemanii fi itti amanan irratti ammoo ejjennoo jabaa qabaniin baraaramuu danda’eera.

๐—•๐˜‚๐—ฟ๐—ท๐—ฎ๐—ฎ๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฒ ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—น ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐—ฒ?

Dhuma bara 2018 yeroo ABOn shira marii qabsoo karaa nagaa jedhuun biyyatti deebi’ee fi kiyyoo PPn qabamee balfa Impaayera kanaatiin dhuunfatametti, waantota heedduu tilmaamuun nama rakkisu keessatti hawaasnii fi Qabsoon Bilisummaa Oromoo gaaga’amee ture. PP fi ergamtoonni isaanii warri Koree Teeknikaa jedhamuun beekaman kaan sossobanii, kaan ammoo dhiibbaa ulfaataa irraan gahuudhaan hoogganoota, miseensotaa fi dabballoota ABO kiyyeessan. Kaan galaafatamanii, kaan ergamtoota sirna Impaayeraatti harka kennatan. Kaan isaanii, HD ABO Daawud Ibsaa dabalatee dhiibbaa jajjaba irratti uumameen daandiirraa wayita maqan, kaan isaanii ammoo daandiin sun tasumaa akka irra deemamuu hin dandeenye beekanii gara Qabsoo sirriitti deebi’an.

HD ABO Daawud Ibsaa dogoggora silaa Koreen Teeknikaa jedhaman sun ittiin gaafatamuu malan gorsa miseensotaa fi ajajoota WBO fudhachuu dhabuu (akka waa’ee hin baafnetti tilmaamuu) irraa kan ka’e ofii isaatiin yakka isaanii sana ofirratti jigseera. Burjaajiin kun ABO bakka lamatti kan hiruu fi akka lammaffaa deebi’ee hin kaanetti caccabsuuf kan tolfame ture. Gartuun Obbo Jawaar Mohaammed fa’iin durfamu, duraanuu karoorfatee–wixinee ABO akka hin suphamnetti balleessuu jedhu bifa barruu fi imaammataan qindeeffatee karoorichatti gad-taa’e.

ABO akki itti cabsan jedhee yaades, gartuu Qabsoo Karaa Nagaatti amanee gale maqaa Filannoo fi Jijjiirama jedhuun abjuu keessatti wayita kuffiisu, kanneen Qabsoo Hidhannootto amananii fi daandiin karaa nagaa cufaa ta’uu dursanii hubatan ammoo, muurna PP fi gareema karaa nagaa kana keessa harka galfatanii cabsuun akka itti danda’amu irratti hojjetan. Karoora lamaan isaa keessaa isa tokkoffaa (gartuu Daawud faa) sana irratti milkaa’aniiru. Ammayyuu jarri abjuurra darbanii hirribicha keessaa akka lammaffaa hin kaanetti raffisaniiru. Ta’us Karoorri isaanii lammaffaan kan WBO (ABO kaayyoo ganamaa fi qabsoo hidhannootti amanan) karaatti kutuu fi balleessuu sun hanga yaadan hin milkoofne.

Silaa akki karoorfatan sun daandii lamaanuu (PP fi ABO Karaa Nagaa) fayyadamanii hoogganootaa fi miseensota WBO dhabamsiisuu akka danda’anirratti gad-taa’an. Milkaa’uu hin dandeenye. Muurni PP jarri Qabsoo Karaa Nagaa didan kun: Farreen nageenyaa, shiftaa, foxxoqxoota, shanee fi kanneen galmi isaanii hin beekamne jechuun humnaa fi miidiyaalee of-harkaa qaban maratti fayyadamanii olola burjaajii uumuun mooraa Qabsoo fi uummata bal’aa kiyyeessuuf wayita hojiitti seenani.

Gareen isaan kiyyeessan kan ABO Karaa Nagaa ammoo gara itti citu wallaalee daandiirraa akka maquuf ajandaa tolchanii itti kennani. Ajandaan sun, ABOn Boordii Filannoo Biyyoolessa Xoophiyaatti galmaa’ee qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf jaarmayaa hoogganaa ture WBO hin beeknu, yokaan ammoo galaa jedhee jedhee dhiibbaa akka irratti uumuuf tolfatan. Akka carraa ta’ee dhiibbaan uumamee galuu waanti jettu sun hoogganoonni ABO bosona hanga deemuun WBO jaarsummaan sossobuuttuu yaalamee jalaa fashale. Erga kun fashalee ammas Koreen Teeknikaa kun hin teenye. Warri Karaa Nagaa jedhan kun WBOn diddera waan ta’eef nuti hin beeknu jedhaatii labsaa, mallatteessaa, yakkarraa bilisa ta’aa, yaaddoo malee socho’aa oduu jedhu itti afarsuun dhiibbaa uumee labsa, “ammaa booda qaama hidhatee bosona keessa jiru hin qabnuu fi qunnamtii tokkollee qaama kana waliin hin qabnu” jedhu labsisiisuu danda’an. Guyyaa kanarraa ka’uun Gareen ABO Karaa Nagaa kaan isaanii dhiibbaa jajjaba akkasiin, kaan isaanii ammoo silayyuu gurra luugdota PP ta’anii maqaa Koree Hoji-raawwachiistuu ABO (Shanee Gumii ABO) kan turan kanneen akka: Ibsaa Nagawoo, Araarsoo Biqilaa, Qajeelaa Mardaasaa fi fakkaattonni isaanii gammachuun labsicha kana fudhatan. Murtii sanaa boodas Koreen Teeknikaa kun Hoogganoota ABO kanneen Karaa Nagaa jedhan kana guutummaatti taphaan ala gochuu danda’eera.

๐—ฌ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ถ ๐—ต๐—ผ๐—ผ๐—ด๐—ด๐—ฎ๐—ป๐—ผ๐—ผ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—”๐—•๐—ข ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐—ป ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—น ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐—ฒ?

Silaa hoogganoonni kun yakka gantummaa ofitti hin jigsan turan. Koreen Teeknikaa hojii isaa (WBO galchuu) fiixaan baasuu erga dadhabee hin dandeenyu jedhee ibsa dhiheessuu fi PPf ammoo labsuu kan qabu isaan ture. Isaan garuu durayyuu kaayyeffannaan isaanii ABO balleessuu waan ta’eef labsa kana gareen karaa nagaa kun akka labsuuf itti dabarsan. HD’n ABO Daawud Ibsaas dhimma kana isaanumaaf dhiisuu irraa ofii isaaniitiin “nuti waraana hooggannuu fi humna hidhatee bosona jiru hin qabnus, hin beeknus” jechuun murteessan. Baay’een namaaa “Daawud maal gochuu qaba ture? Innis furmaata dhabeeti” jechuun wayita gaaffii kaasan argaa turre. Dhuguma dhimmi kun ulfaatus, daandiin salphaan isaan ittiin yakka kana jalaa bahan, “dhimma akkasii kan fudhatee fi itti bahinsa hojichaa beeksisuu fi labsuuf aangoo kan qabu isin warra Koree Teeknikaati” jedhanii dhiisuutu irra ture. “Ammaan booda WBO Abbootii Gadaa fi uummata Oromootti dabarsineerra”isheen jettu siyaasa jabduu fi murtoo yeroon gaafattu taatee argamtus, dhimmichi ammaan booda isaan akka hin ilaallannee fi kan dhimma kanarratti murteessuu danda’us isaan osoo hin taane, Koree dhimma kana ofitti fudhatan ta’uu wallaaluun ammoo yakka seenaa kana keessatti garee karaa nagaa kana kuffiisuu danda’eera.

๐™‚๐™–๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ ๐™ ๐™ช๐™ฃ ๐™™๐™ค๐™œ๐™œ๐™ค๐™ง๐™š๐™š ๐™™๐™๐™ž๐™ž๐™จ๐™š๐™š๐™ง๐™–๐™–?

Gareen karaa nagaa kun murtee fi daandiin isaanii sirrii akka hin taane hubatanii dhiisuu fi furmaata barbaaduurra yakkarratti yakka dhalchuu filatan. Gareewwan dhokatoo fi mulatoo heedduu hundeessuun, biyya alaa fi keessatti wal ijaaranii diiggaan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn furfamu akka barbadaa’uuf tarsiimoo haaraa eegalan. Silayyuu itti yaadee karooricha kan boce Koree Teeknikaati. Koreen kun dursee kan yaade, “gareen karaa nagaa yoo guutummaatti taphaan ala ta’e abdii muratee hin taa’u, yokaan aaree ABO hidhannootti jiru diiga yokaan ammoo muurna PP gargaaree summii facaasa” kan jedhu ture. Kanaaf gama PP fi garee karaa nagaa kanaan moorichi akka kiyyeeffamu karoorsan.

Yakkoonni itti dabalaman kun heedduudha. Miira abdii kutannaa, aarii fi “ani duunaan margi hin margiin” isa harreen jette sanarraa kan ka’e shirrii fi dabni gurguddoon ABO-WBO irratti eegalame. ABO-WBOn walakkeessa bara 2019 irraa eegalee burjaajii dhalatu hambisuu, Qabsoon Bilisummaa Oromoo galma isaa hanqatee karaatti hafuu fi Oromoon baraan Impaayera jalatti akka hafuuf abdii murachuu dhiisee labsa “Kaayyoo ABO Ganamaa fi Qabsoo Hidhannootti Fufna” jedhu labsee hamilee fi qor-qalbii uummata Oromoo baraare. Moorichis hanga har’aa baduu fi dhabamuu irraa hafee, akka taliila galaanaa dhangala’uun Oromiyas dhuunfate.

Labsi kun isaan mufachiisuu arguu fi atakaaroon heedduun miidiyaalee hawaasaatiin irratti dhalachuu wayita argan gareen karaa nagaa kun gareewwan dhokatoo fi mul’atoo heedduu kanneen akka: Eegdota Warraaqsa Oromiyaa, Oromo Sisterhood Project Group fi boodarra ammoo Koree Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessa Naannoo Oromiyaa fi kanneen biroo jedhaman bocanii yaada hawaasa bal’aa labsa WBO kanarraa maqsuu fi dudduuba dachaasu irratti xiyyeeffatan.

Ofii maquu isaanii waan arganiif garee kana fayyadamanii Qeerroowwan qareeyyii ilaalcha isaanii irratti baran adamsanii hiidhaatti darbachuu, gareema kana fayyadamanii ammoo mooraa WBO hundatti erguu fi qunnamtii hoogganoota WBO akka qabaatan gochuu, kanneen kaan ammoo bifa leenjii loltummaatiin mooraa seensisuun kaayyoo isaanii WBO keessa tamsaasuu, kaan ammoo bifa deggersa dinagdee jedhuun qunnamtiin tolfameefii WBO keessa harka galfachuutti gama maraan bobba’an. Akkuma yaadan heedduu milkaa’anis Qabsicha garuu dhaabuu hin dandeenye.

Kan irratti milkaa’an hoogganoota yaadni galer fi qabsoo hidhannoo deggeran, kanneen sossobamuu isaanii hubatanii daandii sirreeffachuu yaadan hidhaatti naqsiisan, Qeerroowwan saaxiluun mooraa Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo bittimsan. Isa danda’an hidhaatti naqan, isa dadhaban ammoo irratti duulchisuutti cehan. Gareen kaan WBOtti dabalame, gareen kaan ammoo shira isaaniitti dabalamer tika PP ta’e. Burjaajii akkasii uumuun waa lama milkaa’an.

๐— ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ธ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—น ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐—ฒ?

Akkuma yaadan, gareen maallaqaa (Oromo Sisterhood Project Group -OSPG) fi Gareen Eegdota Warraaqsa Oromiyaa -EWO (Oromia Revolutionary Guards) karoora isaaniitiin waa milkaa’aniiru. Warri jalqabaa miseensota WBO garee tokko gargaarsa maallaqaa jechuun guutummaatti bitanii “ammayyuu Daawud faa qabsoo hidhannoo hin dhiisni, WBO isaanumatu hoogganna” maqaa jedhuun yaada (ideology) daawud fa’iin burjaajessanii daandiirraa maqsan. Gareen lammaffaa sun ammoo caasaalee keessoo fi alaan olola WBO wal shakkisiisee wal lolchiisuu fi mooraa bittimsu deddeebisuu fi tatamsaasuu eegalan. Miidiyaaleen olola afarsuu eegalan. Kaan isaanii gara mooraa erguun WBO bittimsuuf mooraa Kibbaa seenan. Kun garee Dhugaasaa Bakakkooti. Gareen hawaasa bal’aa burjaajessu ammoo maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi MCBNO sanaan hojii jajjabatti seene. Godinaalee Oromiyaa mara irratti caasaa diigumsaa fi tikaa ijaaranii bobbaasan.

Gareen Dhugaasaa Bakakkoo faa ji’ootaaf irratti hojjetanii guutummaatti diiguu yoo dadhabanis Zoonii Kibbaa hooggana isaa Gollicha Dheengee kiyyeessuun dubbiin irratti baramee kaayyochi isaaniis walumaan laamsha’e. Gareen Gaashuu Lammeessaa faa ammoo Koree MCBNO fi nuti hoogganoota Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromooti kanneen jedhaniin olola miidiyaa fi burjaajii hawaasa bal’aatti uuman. Garee Faqqadaa Abdiisaa kan uuman garee kanaa fi garee Oromo Sisterhood Project Group sanadha. Mooraa gama Lixaa caccabsuu fi balleessuu, meeshaa itti hidhuun miseensa hooggana irratti kaasuu, wal dhabdeen uumamee WBOn qawwee walitti deebisuu fi wixineewwan biroo itti kennanii dirree dhihaarra bobbaasan. Dirree dhihaa dhaabuu dadhabanis deggertootaa fi uummata bal’aa Zooniin sun hoogganu irratti gaaga’ama ulfaataa hanga har’aa dhandhamaa jirru kana dhalchaniiru.

Gareen Faqqadaa Abdiisaa kun dinagdee alarraa argatu fayyadamee, meeshaa hidhatee uummata WBO deggeru saamuu, hidhannoo irraa hiikui, hooggana irratti miseensa kaasuu, mooraatti wal shakkii uumuu fi kanneen didan ammoo ajjeesee hoogganoota WBOtti haqachuu itti fufe. Kunoo hanga har’aa gidiraan sun damee baasee dagaagee, Godinoota Wallaggaa afranii fi G/G akkasumas, Lixa Shaggaritti ol guddatee uummata labooba ibiddaan gubsiisaa jira.

Kutaan lammaffaan itti fufaโ€ฆ

Injifannoo Uummata Oromoof!
September 1/2022
Qilxuu Jiloo tiin

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading