Gara: Dura ta’aa Godina Awropa – Jaal Dr. Luba Bantii Ujuluu
Dhimma: Hirmaannaa Gumaacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo Guddisuu Ilaala
Dursa, ilmaan Oromoo Marti Baga Ayyaana Irreechaan isin gahe! Birraan kan milkii, injifannoo, bilisummaa, haqaa fi nagaa nuuf haa ta’u jechaa, ilmaan Oromoo falmaa dirree irraa jirru, Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABO-WBOn durfamu, haala ulfaataa keessa jiraannee, wareegama ulfaataa baasaa injifannoo jajjabduu fi boonsaa galmeessaa jirra. Yeroo Mootummaa afaan Oromoo dubbatuun gochaalee kabeebsaa fi fakkeessaan eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf tattaafate keessatti shira xaxamaa ture mara saaxiluun Oromiyaa fi hegeree Oromoo dhalootaaf dabarsuf
murteeffannee hojiin itti milkaawaa jirra.
Qabsoon Oromoo qabsoo of irratti hirkannoo waan ta’eef, jaarmayaan ABO-WBO dirree irraa hogganamu bu’uureffamuun jabina guddaa fidaa jira.
Jaarmayaan kunis dirree irraa bifa qindaawaan taligamuun ammoo qabsoo bilisummaa Oromoo saffisaan galmaan gahuuf akka nu gargaaru shakkiin hin jiru. Haala kanaan Ajajaan ol’aanaa ABO-WBO jaarmayaan biyya alaatti akka ijaaramu qajeelfama kennee asitti, qophii gumaachaa Adoolessa 9 fi 16, 2023 qopheessine irratti hojii boonsaa
hojjettanii nu milkeessitan maraaf galatni keessan bilisummaa haa ta’u. Ammas, marsaa lammaffaa jaarmayaan ABO-WBO biyya alaa gumaacha WBOf qophii
onkoloolessa 14, 2023 karaa Zoom qopheessee sadarkaa Idil-Addunyaa, Godinaa, Gamtaa, Gurmuu irra jiran martuu sadarkaa itti ijaaramaa jirtan maratti; Hawaasa, Afoosha, Waldaalee Amantaa, Abbootii Qabeenyaa, Gartuulee Ispoortii, Gartuulee Aadaa fi kkf naannoo isin keessa jirtan mara saffisaan quunnamatanii gumaacha kana irraa akka qooda fudhattan dhaammanna.
Jaarmiyaaleen Oromoo biyya ambaa keessatti maqaa Oromoon ijaaramtan, WBO tumsuuf dirqama ABO-WBOn isinitti kenne gulantaa caasaa ABO-WBOn diriirsee jiru ofitti fudhatanii qooda qabsoon isin irraa eegamu akka bahattan kabajaan gaaffanna. Oromiyaa waloon qabnu waliin ijaara, biyya keenya nu irraa saamame waloo dhuunfanna! Mirga keenya boortaan dhaabne, boortaan goonfanna! Akka Prof. Mohammad Hassan jedhanitti ABO-WBO tumsuun ykn WBO tumsuun investimentii
dhaloota hegeree Oromoo waan ta’eef keessaa qooda fudhadhaa! Nuti bakka jirru kanaa lubbuu jijjiirraa hin qabne gumaachaa qabsoo finiinsaa jirra, isinis bakka jirtanii dafqaa fi qabeenya keessaniin qabsoo bilisummaa irraa qooda fudhadhaa!
Gumaachi keessan 100% kallattiidhaan qajeelfama Ajajaa Ol’aa ABO-WBOtiin gara dirree qabsootti dabarfama, karaa media Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiis quba
qabeenya Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBOtiin ni mirkanaawa.
Guyyaan walgahii zoom Onkoloolessa 14, 2023 sa’a 03:00 AM DC ykn sa’a booda 4:00PM akka Oromiyaatti eegalama. Walgahii kana irratti hundi keessanuu argamtanii gumaacha Gaachana keessan WBO jabeessuu keessatti qooda fudhachuun Oromootti kabajaa horaa! WBOf Gumaachuun of Dhaloota gargaaruu dha! Mirgaa fi Dirqama Lammii Oromoo maraati!
https://us02web.zoom.us/j/83387770585?pwd=bS81QWNjMG1URDExMFB3SG5CRjd
WUT09 ykn
Zoom/Webinar ID: 833 8777 0585
Passcode: 132872
Injifannoo Ummata Oromoof!
Jaal Qajeelaa Siraj
GG
Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa – Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Jaal Jireenyaa Guddataa – Dura ta’aa jaarmayaa ABO-WBO biyya alaa