Nuti miseensonni ABO-WBO Gamtaalee fi Gurmuulee Godina Awurooppaa keessatti argaman irraa walitti dhufnee kora miseensota ABO-WBO Godina Awurooppaa Onkoloolessa 28, 2023 online gaggeeffame irratti hirmaanne, marii miseensotaa fi hooggana dhaabaa waliin erga gaggeeffannee ejjennoo fi kutannoolee gurguddoo armaan gadii dabarfannee jirra.
1. Nuti miseensotni ABO-WBO Godina Awurooppaa kora kanarratti argamne, qooda QBO jabeessuuf bahataa turre kanuma yoommiiyyuu caalaa dabaluun, dhaaba keenya ABO-WBO jabeessuuf irbuu keenya irra deebinee haaromsanna.
2. Maqaa jijjiiramatu dhufe jedhamuun burjaajii fi diigamsa mooraa QBO mudatee ture dandamachiisuuf dirqama hooggansa siyaasaa fi waaraanaa Ajajni Olaanaa ABO-WBO ofitti fudhate, tarkaanfii sirrii fi guutummaatti kan deeggarru ta’uu keenya ibsaa, tarkaanfii balaa badinsaa mooraa qabsoo Oromootti aggamamee ture kan hambisedha jennees amanna.
3. ABO-WBOn dhaaba kallacha qabsoo Oromoo ta’uu fi hooggansi Olaanaan ABO-WBOs hooggana qabsoo Oromoo tarree duraa fi sirriirra jiru ta’uu mamii tokko malee mirkaneessina.
4. Injifannoolee Waraanni Bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa hunda keessatti galmeessaa jiru, kan diina innikkaa Oromoo fi Oromiyaa taate Impaayera bututtuu Itoophiyaa hundeeerraa raasee fi Oromoo akka sabaatti abdii guddaa kan itti hore ta’uu ibsina.
5. Mootummaan Biltsiginnaa Abiy Ahmediin durfamtu maqaa sakatta’a WBO jedhuun waraana guddaa guutuu Oromiyaatti bobbaasee ilmaan Oromoo sivilii jumlaan ajjeessaa, kaan mana hidhaa baasee rashanaa, mana irratti gubaa, haleellaa diroonii fi meeshaalee gurguddaan ummata keenya fixaa jiru gad jabeessinee balaaleffanna.
6. Miseensota WBO golee Oromiyaa hunda keessatti ummata keenya ittisuu fi kufaatii diinaa saffisiisuuf kuffisanii kufaa jiraniif kabaja olaanaa kan qabnu ta’uu keenya ibsina.
7. Kittillayyootni Oromoo keessaa baatanii dantaan dhuunfaa keessanii waan guuteef diina Oromoon seenaa isaa keessatti argee hin beekneen mootummaa Oromooti jechaa, dhugaa ummata keenyaa ija addunyaa jalaa dhoksaa, ulee diinaa ta’uudhaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasisaa fi dhangalaasaa jirtan gaafatama seenaa fi seeraa jalaa akka hin baane isin hubachiisna.
8. Maqaa Faannoo jedhuun mootummaan Biltsiginnaa dhalattoota Amaaraa Oromiyaa keessa quphatanii jiraatan hidhachiisuu fi naannoo Amaaraa irraas hidhannoo guutuun kallattiilee adda addaan Oromiyaatti seensisuun ilmaan Oromoo qe’ee isaanii keessatti ficcisiisaa jiraniif gaafatama jalaa kan hin baane ta’uu hubachiisna.
9. Ummatni Oromo akka sabaatti jireenya egeree wabi-qabeessa jiraachuuf caalaatti akka of ijaartu, waan dandeessuun akka hidhattu waamicha siif dabarsina.
10. Sabboontotni Oromoo caasaa sirnichaa keessa jirtan; keessumaa Polisii Oromiyaa fi Federaalaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Tika sirnichaa keessaa tajaajiltan, yeroon qabsoo sabni keessan gaggeessu cina dhaabbachuuf gara WBO naannoo keessan socho’uutti makamtanii fi afaan qawwee keessanii gara diinaatti garagalchitan ammadha jenna.
11. Hawaasni Oromoo biyya ambaa jiraattan tokkummaa keessan jabeeffachuun QBO kanuma yoomiiyyuu caalaa cimsuuf ABO-WBO qabeenyaan, yaadaanii fi waan dandeessan hundaan akka cina dhaabbattan waamicha isiniif gooona.
12. Sirni Biltsiginnaa ummata keenyatti daandii cufuun qoricha akka hin arganne godhee dhibee akka busaan akka dhumatu gochaa fi qotatee akka hin nyaanne qe’ee isaa irratti nagaa dhorkee beelaan fixaa jiru gad jabeessinee balaaleffanna.
13. Dhaabota gargaarsaa, mirga namoomaaf falmitanii fi mootummootni dhimmi dhiittaa mirga namoomaa nu ilaallata jettan hundaaf, sirna faashistii mootummaa Itoophiyaa lubbuu ilmaan Oromoo guyyuu waraanaan, dhibee fi beelaan fixaa jiru kana irratti dhiibbaa barbaachisu akka gootan, akkasumas lubbuu ilmaan Oromoo sababa dhibee fi beelaan dhumataa jiruuf gargaarsa hatattamaa akka qaqqabsiistan isin gaafanna.
14. Hawaasa Oromoo biyya ambaa keessa jiraattan, deeggartoota QBO fi firoottan qabsoo Oromoo ta’an hundaaf; gochaa suukkaneessaa fi bineensummaa sirni faashistii Biltsiginnaa ummata Oromoo nagaa irratti gara jabinaan qilleensarraa fi lafoon itti bobahee fixaa jiru kana bifa hundaan mootummoota biyya keessa jiraattanii hundatti saaxiluuf hiriira nagaa bakka jirtanitti akka baatan waamicha isiniif dabarsina.
15. Nutis miseensotni ABO-WBO kora kanarratti hirmaanne bakka jirru hundatti sirna ummata keenya lafarraa duguugee balleessuuf deemu kana hawaasa addunyaatti saaxiluuf waan dandeenyu hundaa akka goonu waadaa seenna.
16. Ajjeechaa, hidhaa fi ukkaamsaa ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru, qaamni mirgoota dhala namaaf falmitan hundi gochaalee sukkaneessaa fi sanyii duguuggii ummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru kana akka dhabbatu akka gaafattan, Abiy Ahmed dabalatee kanneen gochaa kanaaf itti gaafataman hunda Mana Murtii Seera Yakkaa Idil Addunyaatti akka dhiyaataniif dhiibbaa akka gootan jabeessinee gaafanna.
17. Nuti miseensotni ABO-WBO Godina Awurooppaa keessaa walitti dhufne tokkummaa mooraa qabsoo Oromoo waardiyaa taanee tiksuuf waadaa seenaa, kanneen tokkummaa jaallanii fi mooraa qabsoo Oromoo diiguuf wixxifattan gochaa keessan irraa akka dhaabbattan gad jabeessinee isin akeekkachiisna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Hirmaattota kora miseensota ABO-WBO Godina Awurooppaa!
Onkoloolessa 28, 2023