ONM-ABO Eebla 10, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Osolee-Xinnayyoo keessatti Ebla 7, 2026 waraanni murna gabroomfataa PP qonnaan bulaa tokko yakka malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkamaa taasisanii haala daran suukanneessaa ta’een ajjeesuu jiraattonni bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Akka jiraattonni jedhanitti, manguddoo maqaan isaa Obbo Baqqalaa Dhaabaa Badhiyyee jedhamu abbaa maatii 8 yoo ta’u, jireenya isaanii qonnarratti utubamuun hojii qonnaan maatii akka jiraachisu ibsuun, dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu akka harka hin qabnee fi jaallatamummaa fi kabajni inni hawaasa naannoo biraa qabus ol’aanaa ta’uu ifoomsaniiru.
Bifuma wal-fakkaatuun Waraanni murna Bilxiginnaa Lixa Shaggar aanaalee akka Gindabaratii fi Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti nama nagaa irratti dararaa akkaan hamaa geessisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni maafiyaa PP ajaja gubbaa irraa fudhachuun ilmaan Oromoo maqaa garaa garaa itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu, humnaan waraanatti bobbaasuu fi qabeenyaa sabichaa mancaasuu akkaan jabeessanii jiraachuun dhugaa qabatamaan mul’ataa jirudha.


