ONM-ABO Eebla 10, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Angar Alaltuu keessatti Ebla 7, 2026, finxaaleyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of-waaman gara gandichaatti humna guddaadhaan socho’uun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Sochii hidhattoonni Amaaraa aanicha keessatti taasisaa jiran babal’achaa dhufuu irraan kan ka’e uummanni Oromoo qaama isaaf birmatu dhabuun biyya abbaa isaarraa godaanuun jireenya gadadoo harka namaa ilaaluuf saaxilamaa jiraachuun beekameera.
Oduu biroon ammoo, aanichuma bulchiinsa magaalaa Horroo Alaltuu keessatti ammoo Ebla 8,2026 ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota dirqamaan mallatteessisuun hiriira deggarsaa gara magaalaa Naqamteetti humnaan erganii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

