• Thu. Apr 30th, 2026

Aanaa Malkaa Bal’ootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa saamuu fi ijoollee umriin isaanii filannoof hin geenyeetti dirqamaan kaardii hiraa jiraachuun ifoome

Apr 10, 2026

ONM-ABO Eebla 10, 2026 

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Bokkoo Jaalalaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa Ebla 4, 2026 irraa eegalee saamicha hawaasarratti geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Lukkeeleen saba irraa dhalataniif dantaa tokko hin qabne kunneen, hawaasa qaala’insa jireenyaan muddamee jiru “milishota leenjiirra jiraniif sangaa qalla” jechuun namoota hunda dirqamsiisanii qarshii kuma sadi sadi fuuchaa jiraachuun barameera.

Oduu biraatiin ammoo, akka heera impaayerattiitti namni waggaa 18 gadi filannoof hin eyyamamu. Aanicha guutummaa keessatti garuu ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa heera isaanii cabsuun filannoo sobaa ilmaan Oromoo hin ilaallanne geggeessuuf, daa’imman umriin isaanii filannoof hin geenyeetti afaan qawween kaardii filannoo hiraa kan jiran ta’uu gabaasni ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Aanicha keessatti jiraattonni hundi sababa hiraarsaa adda addaa jaleewwan sirnichaaf akka itti ba’anii fi galan dhabuun yaaddoo guddaa keessa galaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading