ONM-ABO Eebla 10, 2026
Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa Roorettii keessatti jaleewwan Bilxiginnaa lafa qonnaan bultoota saamuun abbootii qabeenyaaf kennuu hordofee, qonnaan bultoonni rasaasaan madaa’uu fi reebichi irratti raawwatamuu ONM odeeffateera.
Kaabinoonnii fi loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaaniif carraaquu malee, rakkoo hawaasa mil’atanii ilaalanii kan hin beekne, qonnaan bultoota:
- Umar Mahaammad Abdullaa,
- Mahaammad Abdullaa,
- Mahaammad Abdullaa Shuunoo,
- Usmaan Abdullaa,
- Adam Mahaammad Abdullaa,
- Hasan Mahaammad Abdullaa,
- Maaruf,
- Abbaa Ibsaa fi
qonnaan bultoota biroo hedduu irraa lafa saamuun abbootii qabeenyaaf kennuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
“Lafa koo hin qottu; Gibiran itti kaffalaa jira” jechuun qonnaan bulaan Ahimad Mahaammad Abdullaa jedhamu Ebla 5, 2026 rasaasa piistooliin dhahamee madaa’uun hospitaala Baddeessaatti yaalamaa jiraachuun ibsameera.
Abbaan qabeenyaa Mikaa’el jedhamu harka lafa jalaan Bilxiginnaa waliin ta’uun maallaqa guddaa itti dhangalaasee, lafa qonnaan bultoota kanneenii kan fudhate yoo ta’u, qonnaan bultoonni hedduun beenyaa lafa isaanii dhabuun qaama itti iyyatanis wallaalanii rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.
Kana malees, Hasan Mahaammad Abdullaa fi Umar Mahaammad Abdullaa kanneen jedhaman loltoota abbootiin qabeenyaa qabatanii gara lafa isaanii deemanii, reebichi hamaa irratti raawwatamuun isaanis, hospitaaluma Baddeessaatti yaala irra jiru.

